✅"Yeroodhaaf malee Arteettaan waancaawwan gurguddaa Arsenaal waliin ni injifata" Jaabii Aloonsoo
Leenjisaan Riyaal Maadriid Jaabii Aloonsoon waa'ee hiriyyaa isaa ijoollummaa kan ta'e fi leenjisaa Arsenaal yeroo ammaa Mikeel Arteettaa yaada isaa kenneera.
🗣" Naannoo nuti itti guddanne keessa taphataa kubbaa miillaan maraataa ta'e tokkotu ture, innis Arteettaa jedhama. Isa waliin seenaa ijoollummaa hedduu qabna, Arteettaan ana caalaa waa'ee kubbaa miillaa beeka. Waan baayyee na barsiiseera, amma lamaan keenya leenjistootadha. Yeroo boqonnaa keenyaatti walargina, walii bilbillas, Ammallee nuti hiriyyaadha. Jedheera.
Aloonsoon itti fufuun " Arteettaan ammatti leenjistoota cimoo addunyaa irra jiran keessaa isa tokkoodha. Arsenaaliin jijjiireera, Arsenaal waliin waancaawwan gurguddaa yeroo inni itti injifatu fagoo miti,dandeettii kana raawwachuu qaba. Inni jijjiiramaa fi milkaa'ina nama barbaaduudha. " Jedheera.
𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄 ➲
@Madda_Ispoortii 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄 ➲
@Madda_Ispoortii