Dargaggootni Keenya Umuriin Keessan Gahe Of-danda'uu Yaalaa
***
Uummata biyya kana keessa jiraatan keessaa sadiitu nadhiba, Guraagee, Walayittaa fi Goojjamee. Dargaggootni sabootii kanaa utuu umuriin isaanii hin ga'in of-danda'uu irra darbanii Abbaa fi Haadha isaanii gargaaruuf jecha ijoollummaattuli biyyaa ba'anii hojii humnaa, qabeenya nama eeguu, keessummeessuu, lootarii naannessanii gurguruu, akaayii naannessanii gurguruu, kophee haxaa'uu, fi kkf irratti bobba'antu argama. Waggoota muraasa booda garuu abbaa qabeenya kan ta'u isaanii keessaa hedduudha. Kana gaafan ilaaluu fi yaadadhu yeroo hundumaa nan gaddaa, gaabbinin guutama akkasumallee nin hinaafa, sababa isaniif ta'eef utuu hin taane dargaggoota Oromoo ilaaleetani. Dargaggootni keenya Yuunivarsiitii eebbifamee maatiin nagargaaraa gaafa jedhu kan hin saalfanne hedduudha. Yoo rakkate maal godharee kan jedhu akka jiru nan beeka, hata'uutii yoo rakkatte hirkataa taatee hafuura du'uu siif wayya. Sana irrayyuu darbee gargaarsa maatii isaa tuffachuun kan Abbasaa fi Haadha isaa irratti arraba dheeressu immoo ni jira.
Rakkoo akkanaas furuuf gaafa hojii humnaa jalqabi jedhaniin hedduutu nama arrabsuun maatiin dhaadachuu barbaadu. Tarii qabeenya maatii isaa/ishee yoo ida'ame wayitti kan hin galleedha. Keessumatti fira biyya ambaa fi xiqqoo fooyyee kan qabun Finfinnee qabaannaan arrabi isaanii hin danda'amu. Kana gaafan jedhu, dargaggoota keenya warra halkanii fi guyyaa of-jijjiiruu jecha qabsoo hamaa geggeessan dagadhee miti, fakkeenya kan ta'anis hedduu qabana.
Egaa kottaa wal-gorsinaatii dargaggootni keenya hojii utuu hin filatin, hin nuffinii fi hin tuffatiin wanta dandeenyu irrattin haabobbaanuu. Sana immoo hanaga inni dhufutti teenyee eeguu utuu hin taane sammuu Waaqayuo nuuf kenneen yaadne wanta tokko jalqabna. Kanaan achi teenyee Finfinnee keenya, ani sabboonaadhaa fi kkf yoo ololaa oolle fayidaa hin qabu. Nama jabaatee hojjeteef Dhugaa Waaqaa yeroof malee jijjiirami hinuma dhufaan. Seenaa hedduutu jira kan fakkeenya nuuf ta'u. Vi Dr. Gutu Tesso
Hojii/Biizinaasii tuffachuu dhiisuu
Hojii xiqqoo fi gudda, baredaa fi fokkisaa, jaallatamaa, jibbamaa hin qabu akkaa hojii tuffannu kan godhu Ilaalchaa /abbaa dha malee hojii miti.
Namonni hedduun hojii tokko osoo hin qabanee hojii filatu, hojii maqaa balleessuun. Fakkeenyaaf #LIISTIROO akka hojii gadi'aanatii lakka'anii tuffatu garuu hojii akka salphaati hojjatamee galii guddaa argamsiisuudha. Seenaa biyyaa kan keessatti namootni har'a gammoo abbaa darbii, hooteela abbaa urjii, abbaa warshaalee ta'anii baay'ee waggoota mursaa dura osoo hojii hin tuffanee warra hojjatanii dha.
Akkamiiti biizinaasii keessa seenuu dandeenya.?Biizinaasii jeechuun maalii.? Namni tokko, matii tokko madda galii godhate, hojatee, ifaajaafi, humna isiin of jirachuu hundii biizinaasii jedhamaa. /Employee, Self Employed, Business Owner and Investors/ of keessaa qaba.
Biizinaasii jalqabuun dura karoora dhimmoota ilaalamuu qaban. Yaada biizinaasii bilchaataa qabaachuu, Beekumsaa fi dandeettii qabachuu,Gabaa fi fedhii jiru qorachuu, Baasii ittin jalqaban, Dorgomii, bakka biizinaasii filachuu fi humnaa nama teeknooloojii fayadamuu.fkk
Kitaabota biizinaasii fi Xiin-sammuu dubbisuu, leenjii biizinaasii walii qabatu fudhachuun baay'ee barabachisaa dha Galatoomaa.
Jabaadhaa, Jabaan Jabaa Caalu
Waaqni Tokkichis isin gargaaraa.
Toora miidiyaa koo sirrin kan #qofa
👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾