Gaafa sana .... Har'a kana
Gaafa sana,🥺
Sumatu rakkoo qaba
rakkoo akkaan jabaa!
Gaafa sana, situ;
Waanin jedheef hinseeqne
Waanin jedhes hinbeekne
Kaayyoonkoo garuu lama ture.
Xiqqoo si seeqsisuufi
Guddoo si beeksisuufi!
Har'a kana,
natu rakkoo qaba
rakkoo akka adabaa!
Har'a kana natu,
Kaachan duwwaan xumure yaadata❤️
Waanan siin jechaa ture jaalata!
Rakkoon koo har'aa lama ta'e.💔
Kaleessa hin fayyifanne
Har'a hin hambifanne!🥺
Harkakoon;
Jilbakoo ciqilee 💔
Maddiikoo utubee,
Fuulduratti achi-
Huuruukoo udumee
Yeroon ya'a yaadaarra,
Yaadakoon imalu,
Waca diidaa caalee,
Callisa keessa kooti,
Wanti anaaf galu!🥺
Miidhamni koo baraan
Sitti hin ta'iin cubbuu
Mannike inni haaraan
Sitti haa tolu lubbuu..!😭
@Sona _Official1
Gaafa sana,🥺
Sumatu rakkoo qaba
rakkoo akkaan jabaa!
Gaafa sana, situ;
Waanin jedheef hinseeqne
Waanin jedhes hinbeekne
Kaayyoonkoo garuu lama ture.
Xiqqoo si seeqsisuufi
Guddoo si beeksisuufi!
Har'a kana,
natu rakkoo qaba
rakkoo akka adabaa!
Har'a kana natu,
Kaachan duwwaan xumure yaadata❤️
Waanan siin jechaa ture jaalata!
Rakkoon koo har'aa lama ta'e.💔
Kaleessa hin fayyifanne
Har'a hin hambifanne!🥺
Harkakoon;
Jilbakoo ciqilee 💔
Maddiikoo utubee,
Fuulduratti achi-
Huuruukoo udumee
Yeroon ya'a yaadaarra,
Yaadakoon imalu,
Waca diidaa caalee,
Callisa keessa kooti,
Wanti anaaf galu!🥺
Miidhamni koo baraan
Sitti hin ta'iin cubbuu
Mannike inni haaraan
Sitti haa tolu lubbuu..!😭
@Sona _Official1