DHUKKUBOOTA TUQAMUU SAMMUU –
Psychotic Disorders▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Dhukkuboonni tuqamuu sammuu (psychotic disorders) dhukkuboota haalli ilaalchaa, amantaa, fi yaadni namoota haala qabatamaa (reality) wojjiin hin deemne ykn baay’ee irraa fagaateedha. Namoonni dhukkuba kana qaban: fakkeenyaaf, namni tokko akka waan isaan hordofaa yookiin basaasaa jiru, summii itti godhee ajjeesuuf karorfateeruu, sagalee naanno hinjirre dhaga’uu, waan hin ta’ani tokko ta’eera jedhanii amantaa cimaa qabaachuu (fkn ani mootii biyya kanaati jedhanii guutumatti amanuu), namoonni biroo yaada isaanii too’achaa akka jiran, yookiin yaadni isaanii hatamee akka raadiyoo fi TV’n daddarbaa jiruu fa’a itti dhagahamuu danda’a. Namoonni dhukkuba tuqamuu sammuu (saayikoosiisii) qaban hubannoo ykn ilaalcha dhuunfaa isaanii (perception) fi dhugaa jiru (reality) addaan baasuuf rakkatu.
Mallattooleen tuqamuu sammuu suuta suutaan yookiin akka tasaa mul’achuu danda’u. Yeroon namoonni mallattoolee ciminnaan itti agarsiisan (psychotic episode) yookiin yeroo tuqamuun sammuu itti cimu jennee yookiin yeroo saayikootikii jennee hiikuu dandeenna. Tuqamuun sammuu (saayikoosisiin) yaada, miira, hubannaa fi amala irratti dhiibbaa fida. Yeroo saayikootikii, namoonni mallatoole akka:
Waan hinjirre arguu, dhagahuu, funfanchuu (hallucinations):
* Sagalee namni biraa hin dhageenye tokko dhaga’uu
* Wantoota namni biraa hin argine (hinjirre) arguu
* Fooliin naannoo san hinjirre isanitti urgaa’u
* Miira qaamaa hin baratamne, kan akka nama isaan bira hinjirreen akka tuqamaa jiranii itti dhaga’amuu. Amantaa sirrii yookiin qabatama hintaane qabaachuu (delusions):
* Yaada namoota biroo to’achuu akka danda’an yookiin namoonni biroo yaada isaanii to’achuu akka danda’an amanuu.
* Akka waan hordofamaa, soqamaa yookiin ari’atamaa jiran amanuu.
* Ilmaan namaa kan biroo irraa adda ta’uu isaanii yookiin jijjiiramuu isaanii itti dhaga’amuu (amanuu).
Yaada hin gurmoofne qabaachuu (disorganized thinking):
* Yaada tokko irraa gara biratti otoo hin fixin dafanii darbuu
* Waan gaafatamaniif deebii mata duree gaafatamaniin tasumaa wolhinqabanne ykn sirrii kan hin taane kennuu.
* Hima hiikaa hin qabne jechoota wolitti fiduun haasayu (fakkeenyaafn sareen otoo feesbuuki abba deemee balbala Finfinnee).
Rakkoo sochii qaamaa (motor abnormalities):
* Garmalee baay’isani yookiin suuta deebii xiqqaa kennuu (fakkeenna otoo wonti miidhaa geessisu isanitti dhufaa jiraate jala dhaabachu yookiin garmalee utaalanii of miidhu)
* Galma gahuuf ka’an otoo hin gahin dagachu
Mallattoolee negaatiivii (negative symptoms) kan akka:
* Ibsi miiraa hirdhachuu
* Kaka’umsi hirdhachuu yookiin dhabuu
* Gammachuu dhabuu (waan qara gammachuu uumaniiniifis)
* Fedhii hariiroo hawaasummaa dhabuu
Mallatoolee addaa kanniiniin alattis, mallattoolee akka:
• Hirribni jeeqamuu fi fedhii nyaataa dhabuu.
* Qulqullina dhuunfaa isaanii dhiisuu, fi xurii uffatanii, xurayanii deemuu.
* Humnaa fi kaka’umsa dhabuu.
* Jijjiirama miiraa (fakkeenyaaf, garmalee kaka’uu fi gammaduu, sana booda daqiiqaa muraasa keessatti muukayuu fi gadduu).
* Xiyyeeffachuuf rakkachuu yookiin xiyyeeffannaa dhabuu
* Haalota kan akka barnootaa, hojii, hiriyoota arguu fa’a irratti fedhii dhabuu.
* Haala-amalli jijjiramuu (fakkeenyaaf, namoota jaallataniif dhimma dhabuu, walitti dhufeenya addaan kutuu, adda of baasuun namoota irraa addaan cituu, sababa malee kolfuu yookiin sababa malee aaruu).
* Yaada wal hin simnee fi burjaaja’aa ta’e qabaachuu.
@Dhimma_Fayyaa@Gaggeessummaa ✅