Postlar filtri


💐 Karaa kee Waaqayyotti kennadhu!        

📖 “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata.” (Far. 37:5)


Meeshaa namni tokko imaanaa nutti kenne tokkoof kunuunsi nuti goonu adda. Akka of eeggannoo dhabeettis hin ilaallu. Kanaaf yeroo imaanaa kenninu nama kamittiyyuu iyyuu hin kenninu. Nama amanamaa fi waadaa fudhatutti ta'uu qaba. Kanas ta’ee sana namni nuti amanannee imaanaa itti kennine imaanaa isatti kenname akka huccuutti nyaachuu danda’a. Kanarraa kan ka’e gadda guddaatu ​​nutti dhaga’ama. Nama amanatteen ganamuun miira gaarii waan hin taaneef garaa cituutu nu mudata.

Daawit eeggumsa Waaqayyoo hubatee akkas jedhe: "Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata." jedhe. (Far. 37:5 ) Tarii Daawit namoota bilchaatoo isa amanachuu dandaʼaniif amanannaa isaa isaanirra godhachuu dandaʼa. Garuu akkas gochuu isaa hin arginu. Gara karaa Waaqayyootti imaanaa kenne.

Muuxannoon Daawit kun barumsa guddaa nuuf qaba. Hojii jireenya keenyaa hundumaa Waaqa jiraataaf imaanaa kennuu qabna. Daawit "karaa kee gara Waaqayyootti kennadhu" yeroo jedhu jechi "karaa" jedhu jecha hiika hedduudhaan guutame ta'uu isaa hubachuu qabna. Fakkeenyaaf: akkaataa tajaajilaa, akkaataa barnootaa, akkaataa gaa'elaa, akkaataa hojii, akkaataa maatii, akkaataa jireenyaa, akkaataa jireenyaa fi kan kanaan walqabatan hunda... Yeroo karaa keenya Waaqayyotti kenninu, sana booda imaanaa keenya nyaachuu akka danda’u gonkumaa hin sodaannu. Sababni isaas kana gochuuf inni nama miti. Kanaa mannaa, imaanaa keenya eegee karaa keenya irratti nu gargaaruun gara galma keenyaatti nu gaggeessa.

🛐 Kadhannaa: Yaa waaqakoo ati amanamaa waan taateefi imaanaa kan eegdu waan taatef sin galateeffadha. Karaa koo dabarsee akkan sitti kenndhuuf amantii naaf dabali. Ameen. 🙏

@Getu_Official 💟




💐 Gaarummaan Kee Akkam Guddaadha!

📖 “Yaa Waaqayyo, gaarummaan kee attam guddaa dha, dinqisiisaa dhas, ijoolleen namootaa gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu in galu;” — Far. 36:7
          

Gaarummaan Waaqayyoo ajaa'iba dorgomaa hin qabnedha. Yeroo gufannuu fi kufnu kan nu gargaaru gaarummaa Waaqayyoo isa dinqisiisaa dha. Gaarummaan kun dadhabaa jabeessa, kan cubbuu keessatti kufe ol kaasa, xixinnayyuu aangessa, kan gataman simata.

Daawit waa'ee gaarummaa Waaqayyo mudaa hin qabnee faarfata. Garaa fi yaada isaa walitti qabee gaarummaa Waaqayyoo dinqisiifata. "Yaa Waaqayyo, gaarummaan kee attam guddaa dha, dinqisiisaa dhas, ijoolleen namootaa gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu in galu” (Far. 36:7) Dhugumayyuu Waaqayyo gara laafessa.

Utuu bara jireenya keenya hanga ammaa gaarummaa isaatiin nu eeguu baatee, yaadannoo tokkollee hin qabnu turre. Utuu gaarummaa isaatiin cimsee nu hin dhaabne ta'ee mudaan keenya bakkeetti baafama ture. Garuu inni akka namaa miti. Inni gara laafessa, gara laafinaa fi humna guddaa qaba. Kanaaf, gaarummaa dinqisiisaa Waaqayyo ilma namaatti mul'ise kana yommuu hubannu, "Yaa Waaqayyo, gaarummaan kee attam guddaa dha, dinqisiisaa dhas...!" Jennee faarfanna.

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqakoo, "Yaa Gooftaa gaarummaan kee akkam guddaadha!" Har’a gaarummaa keetiin ana cubbamaa fayyisi. Ameen 🙏

@Getu_Official 💟




💐 MAALITTI GAABBITA?

📖 “Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu.” (Far. 34:22)


Dhiheenya kana sagantaa tokko miidiyaa hawaasaa irratti argeera. Qabiyyeen isaa gaaffii fi deebii kan kennudha. Kanaaf namni sagantaa kana qopheessu namoota adda addaa bira deemee "jireenya kee hanga ammaatti maalitti gaabbite?" Jedhee isaan gaafata. Hedduun isaanii gaabbii qabna jechuun deebii kennu.

➡️Deebii muraasa maqaa dhahuuf: Maatii koo kunuunsuu dhabuu kootti nan gaabba, dargaggummaa koo araadaan ajjeesuu kootti nan gaabba, dafee fuudhuu kootti nan gaabba, barachuu dhabuu kootti nan gaabba, tajaajiluu dhabuu kootti nan gaabba, carraa gaarii argadheen ture, garuu yeroo itti fayyadamuu dhabuu kootti nan gaabba, qulqullummaa saalqunnamtii eeggachuu dhabuu kootti nan gaabba, haadha manaa kootti aaruu kootti nan gaabba.

✉️ Jireenyi foonii gaabbiin kan guutame dha. Wantoota silaa gochuu qabnu hojjechuu dhiisuudhaan, wanta silaa gochuu hin qabne hojjechuudhaan gaabbii jireenya keenyatti daballa. Gaabbii: "Maaliif akkas godhe maaliif akkas hin goone?" Dhaloota gaaffii dhuma hin qabne qabudha. Gaabbiin lubbuu namaa kan hin dubbatamne kan uumu kana. Qalbiin namaa qacceedhaan reebamuu, tasgabbii dhabuu, raafamuu, waan hojjetteetti saalfachuu (qaana'uu), nagaa dhabuu, of jibbuu, wantoota gaabbii fiduu danda'an keessaa muraasa.

📍 Har'as gaabbii tokko tokko qabna jedheen tilmaama. Osoon kana godhee gaarii ture, utuun akkas hin goone ta'ee, nan gammada, utuu, utuu, utuu akkas ta'ee turee, utuu... jireenya gaabbii! Ani nama foonii waanan ta'eef mudaa hedduu qaba. Gaabbii adda addaa qaba. Tarii yoon tarreesse guyyoonni kan na hin geenye! Garuu wantan homaa itti gaabbee hin beekne qaba. Kiristoositti amanuu fi jireenya koo isaaf kennuu kootti hin gaabbu. Ayyaana biyya lafaa ganuu fi Kiristoosiin jireenya dhuunfaa koo gochuu kootti hin gaabbu.

Kun yaada hunda keenyaa ta'uu isaa shakkii hin qabu. Hanga ammaatti namni "Waaqayyo hordofuu kootti nan gaabba" jedhee hin argine. Hin dhageenye. Tarii gaabbii dhuunfaa adda addaa qabna. Gaabbiin bu'aa dogoggoraa waan ta'eef. Garuu Waaqayyo keenya jiraataa Gooftaa jireenya keenyaa gochuu keenyatti yoomiyyuu hin gaabbinu. Murtoon kun sirrii dha. Daawit yaada kana cimsee akkas jechuudhaan ibseera: "Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu." (Far. 34:22)

🛐 Kadhannaa: Yaa waaqayyoo dhugumaan kan hin gaabbine si qofa waan ta'eef si eebbisa. Dubbii ulfina qabeessa "Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu." jetteen sin galateeffadha. Jireenya yeroo hunda si jettuu fi gaabbii irraa addaan baate akka naaf kennitu nan kadhadha. Ameen 🙏

@Getu_Official 💟






💐 Qorumsi Nama Qajeelaatti Baay'ata

📖 "Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay'ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.”
— Far. 34:19

✍️ Waaqayyootti hammuman dhihaadhu qorumsi koo dabalaa kan deemuuf maaliifi? Badii biyya lafaa jalaa dhokadhee Waaqa gaarii keessa dhokadhee maaliifin rakkinaan gidirfama? Yeroo kamiyyuu caalaa foon hafuuraan bakka buusee utuun jiruu gidiraan koo kan daran hammaatu maaliifi? Sammuun keenya gaaffilee kanaa fi kan kana fakkaataniin boqonnaa kan dhabe ta’uu danda’a. Soorata guyyaa har'aa keenya keessatti yaada kana ifatti sagalee Waaqayyootiin qoranna.

😀 Wangeela Yohaannis boqonnaa kudha shanaffaa keessatti Gooftaan keenya Yesus Kiristoos yeroo duuka buutota isaa barsiisu ni argina. Kutaa boqonnaa isa dhumaa irratti, Yesus Kiristoos akkamitti biyyi lafaa duuka buutota isaa jibbuu akka danda’u yeroo himu in dubbifna. “Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo'ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa is in in jibba.” (Yohaannis. 15:19)

Jechi "kan biyya lafaa waan hin ta'iniif +" kan jedhu nuti gama jiraachuu keenyatiin kan biyya lafaa kana akka hin taane beekuun sirriitti ifa godha. Jireenyi keenya ammaa lafa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, galmi keenya garuu samii dha. Kanaaf diinni yeroo hundumaa kun akka ta'u hin barbaanne, yeroo kamiyyuu caalaa Waaqa keenyatti yeroo dhihaannu humna isaa qindeessee akka leenca yeroo beela'uutti aaduudhaan karaa ittiin Waaqayyoo irraa nu fageessu barbaada. Daandiin nuti irra jirru waan itti hin tolleef dambalii rakkinaa roobsa. Garuu diinni du'a Kiristoos fannoo irratiin mo'amee waan jiruuf yoomiyyuu nu injifachuu hin danda'u. Waaqayyo fayyisaan ijoollee isaa akka joobiraa baallee isaatiin haguugee isaan eega. "Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay'ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.” (Far. 34:19) akkuma barreeffameetti.

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo ati fayyisaa koo waan taateef sin galateeffadha. Guddinni rakkina koo baay'ina furmaataa kee gonkumaa kan hin caalle waan ta'eef akkan si amanadhu na barsiisi! Ameen. 🙏

@Getu_Official 💟




💐 Warra Garaan isaanii Cabeef

📖  “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.” — Far. 34:18


Biyyi lafaa kuni namoota ciccimoo barbaaduutti waan qabamte fakkaata. Bakka hundatti namoota ciccimoon warra dadhaboo caalaa jaallatamaadha. Namni waan hundumaa irratti humna hin qabne lafa irratti carraa homaa hin argatu. "Yoo hin qabne hin qabdu" sababni isaas yoo dadhabaa fakkaanne namni nu ilaalu hin jiru. Namoonni garaa keenya isa rakkinaa fi gaddaan cabe sirreessuuf yaaluu irra madaa keenyaan nu miidhuu barbaadu. Gaafa manni keenya guutee boorsan keenya qarshiin guutame, warri hiriyaa ta'an baay'eedha. Gaafa harkaa dhabnuu fi aduun dhiitee, lafti dukkanaa'u garuu namoonni hiriyaa keenya fakkeessaa turan, tokko tokkoon nu dhiisanii deemu. Kun amala namaati. Yeroo tokko tokko wanti gara mana keenyaatti walguuree dhufu kan asii fi achi irraa walitti qabame, hamilee nu cabsuun keessa keenya jeequu danda'a. Kanaaf nuti nama waan taaneef onneen keenya abdii kutannaan ni caba. Kun gosa onnee cabuu keessaa isa tokko.

Garaa namaa kan cabsu kan biraan aarsaa Waaqayyoon barbaaduuf kaffalamuudha. Daawit caba kana akka armaan gadiitti ibsa: "Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa" (Far. 34:18) Dhugumatti aarsaan inni fudhatu kan eenyummaan foonii du'e, oftuulummaan keessa hin jirree fi raawwatee garaa gad of deebisu kan qabudha. Yeroo kana onneen kabajaan gadi of deebisee cabe, yeroo addunyaan balaaleffatamu Waaqayyo itti dhihaata. Onnee keenyaaf jabina, mana keenyaaf fayyina ta'a.

🛐 Kadhannaa: Waaqayyo gaafa dadhabbiin natti dhaga'amu jabina koo waan naaf taateef sin galateeffadha. "Waaqayyo warra garaan isaanii cabeetti dhihoo dha, warra hafuurri isaanii cabes ni fayyisa." Akkuma dubbii kee keessatti barreeffame na gargaari. Ameen. 🙏

@Getu_Official 💟


✨ Waaqayyo qaamota nuuf kenne keessaa, afaan tokko nuuf kennee, gurra immoo lama nuuf kennee! Kennaa isaa kanaaf isaaf galanni haa ta'uu! Kana jechuun baay'ee dhaggeeffadhuu xiqqoo dubbadhu jechuu dha! ✅

Kanaafi baayyee haa dhaggeeffannu, xiqqoo haa dubbannu!.

Lafa nagaa oolaa mee!

@Getu_Official 💟


"Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu"
— Mat. 7:12




✔️ Jireenya in Hawwitaa? Kutaa sadaffaa

📖 ""Nama nana, ati jireenya in hawwitaa? Waan gaariitti gammaduufis bara dheeraa jiraachuu in jaallattaa?" — Far. 34:12


❍ Guyyoota muraasa dura amaloota jireenya keenya keessatti shaakaluu qabnu ilaallee turre. Soorata jireenyaa har'aa keessatti nagaa akka uffataatti uffachuu akka qabnu baranna. Daawit amala gaarii kana namoota biroof kan ibse: "Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu'i!” (Far 34:14).

Gatiin nagaa baay'ee ol'aanaadha. Yeroo nagaan bakka hundatti argamu manaa bahuun ni danda'ama. Hojjettoonni hojjechuu ni danda’u, barattoonnis yeroo nageenyi jiru sirnaan barachuu danda’u. Weerarri koronaa wayita addunyaa guutuu jeeqaa ture yeroo kamiyyuu caalaa hundee nagaa caalatti hubanna jedheen yaada.

Yeroo sanatti addunyaan nagaa dhabuun raafamaa turte. Ijoolleen eegduu malee, warri immoo awwaala utuu hin qotin hin oolan. Dargaggoonni ol guddatoon akka daraaraa harca'an.

Hiriyoota koo, nuti ibiddatti boba'aa dabaluudhaaf osoo hin taane, qaama nagaa ta'uuf waamamne. Nagaa akka uffataatti uffannee namoota biroof boqonnaa ta'uu qabna. Karaa nagaa babal'isuu fi gargaaruu keessaa tokko Kiristoos isa "mootii nagaa" ta'etti maxxanuudha. Kanaaf buufata nagaa akka taanu abbaa nagaa waliin tokko taanee haa ilaallu. Kana gochuun keenya jireenya keenya irratti jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa.

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo ati abbaa nagaa waan taateef siif kabaja. "Nagaa barbaaduu fi hordofuuf" ayyaana keetiin na gargaari. Ameen 🙏

@Getu_Official 💟


Lama Hin Gufatin! 🙅‍♂️

Iddoo takkaa kuftetti maaliif lamuu deebita? Nama kaleessa si miidhe, kophaatti si dhiisee deeme hardha maaliif fira kee seeta?

"Leencatu waangoo waamee akka beelahe itti hime. Isa booda "Deemii waanan nyaadhu naaf fidi, kanaan ala siinan nyaadha" jedhee ajaja itti kenne. Waangoon kunis wadala harree tokko argatee akkas jedhe "Leenci mootii bineensotaa akka taatuuf si barbaadaa jira, kanaafuu koottu deemnee muudama kee fudhadhu" jedhe. Yeroo kana harreenis karaa isaa irra bu'ee waangoo waliin qajeele.

Harreen mootii tahuuf yeroo deemetti waan isa argate garuu kan biraadha. Akkuma argeen Leenci utaalee gurra qabee irraa kutate. Kana gidduutti harreen naasuudhaan utaalee harkaa bahee sokke. Yeroo kana waangoon deebihee deemee "Maaliif utaaltee badde? Leenci si nyaachuuf seetemo? Gurra kee muree gonfoo mootii sirra kaahuufidha malee, yoo gurri kee hin cinne immoo gonfoon kun sirra taa'uuf in rakkisa" jedhe. Isa booda harreen kun "Dhuguma iyyuu anatu jarjaree sokke" jechuudhaan waangoo waliin deebee leenca bira deeme.

Ammas Leenci akkuma argeen utaalee eegee harree kanaa gamad godhee kute. Ammas harreen kun nahee utaalee bade. Ammas waangoon kun duukaa bu'ee deemuudhaan "Maaliif jarjartaa garuu akkas? Leenci teessoo mootummaa irra akka ati teessuuf jecha eegee kee sirraa mure malee hamaaf seetamo? Mootii tahuu hin barbaaddu yoo tahe natti himi" jechuudhaan ammas waangoon kun irra deebihee harreetti dubbate. Harreen kun ammas amanuudhaan waliin deeme.

Amma si'a sadaffaaf akkuma achi gahaniin leenci kun utaalee morma harree kanaa qabee ajj**se. Isa booda leenci waangoo kanaan "Harree kana q*liitii gogaa irraa baasuudhaan qaama isaa tokko tokkoon naaf dhiyeessi" jedhe. Isa booda waangoon kunis qaama isaa hunda erga adda baasee qaama harree kanaa keessaa sammuu isaa nyaatee isa kaan leencaaf geesse.

Yeroo kana Leenci akka malee dheekkamuudhaan waangoo kana utaalee qabatee "Meerre sammuun harree kana?" Jedhe. Yeroo kana waangoon kunis "Harreen kun sammuu hin qabuum gooftaako" jedhe. Leenci kunis aariidhaan "Maal jechuudha?" Jedhe. Yeroo kana waangoon kun "Gooftaako osoo sammuu qabaate gurra citee, eegeen isaas citee dhuma irratti deebihee dhufee morma citee d*'a? Leenci mootii si gochuufi jedhee yeroon itti odeessu haasaa kana in amana ture? Ati mootummaa kee beeylada akka harreef mitiitii eenyuufuu kennitee beekta? Kanatu sammuu qaba?" Jedhe. Yommuu kana leencis "Kun dhuguma iyyuu sammuu hin qabu" jechuudhaan waangoo kana gad lakkise.

Ilaamee obboloota ko, iddoo kaleessa itti dhiigdan, gufattanitti deebitani jennaan baddu baasa jireenya keessan dhabdu akkuma harree kanaa! Yihuudaan gaafa Yesuusiin shittoo Naardoos miilla isaa diban "Maaliif waan gatii jabeessa akkasii miillatti balleessitu?" Jechuu eegale. Tarii lallabaaf barumsaan in geeddarama jedhee Yesuus hedduu gorsus, namittiin dhuma irratti dhungattee du'**tti kennite.

Namni dabarsee nama kennuu bare lallaba Yesuusiinuu, isa waliin osoo deemuuyyuu hin geeddaramu. Siin waan si dhagahudhaaree jaalako? Moo lallaba kee ishee bicuu kanatu isa geeddara ree? Namni kaleessa si miidhe hardha sitti naannahee si sossobaa jira taanaan baddu baasa si galaafachuufi malee jireenyaaf miti. Miidhaa inni kaleessa si miidhe/miite dhiifamaan darbi malee deebiftee jarattii hidhata hin godhatiin! Amma ati nama amanaa deemte gaarummaa kee caalaa gowwummaa kee (sammuu dhabuu keetu itti mul'ata) akkuma waangoon "Harreen kun sammuu hin qabu" jedhe.

@Getu_Official 💟




🎶 Dase Dula - Maaddii Tolootaa

╰──⌊  @Getu_Official ✔️


🎶 "𝐽𝑎𝑙𝑎𝑞𝑎𝑏𝑎 𝑘𝑜𝑜 𝑁𝑎𝑛 𝑌𝑎𝑎𝑑𝑎𝑑ℎ𝑎 𝐴𝑘𝑘𝑎𝑚𝑖𝑡𝑡𝑎𝑛 𝑆𝑖 𝐼𝑟𝑟𝑎𝑎𝑛𝑓𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎..." - Dasalegn Dula

╰──⌊  @Getu_Official


😀 Jireenya in Hawwitaa? Kutaa lammaffaa

📖 ""Nama nana, ati jireenya in hawwitaa? Waan gaariitti gammaduufis bara dheeraa jiraachuu in jaallattaa?" — Far. 34:12
       

❍ Amaloota namni jireenya gaarii jiraachuuf hawwuu fi waan gaarii arguu jaallatu qabaachuu qabu waliin ilaalaa jirra. Soorata hafuuraa keenya guyyaa har'aa keessatti "yoos arrabni kee gowwoomsaa hin dubbatin." (Far 34:13) kan jedhu waliin hirmaanna.

Diinni "abbaan sobaa" amala isaa dhala namaa irratti pirojektii gochuu barbaada. Yaada hamaa kana hojiirra oolchuuf immoo ilma namaatti waa dhiheessa. Gowwoomsaa dubbachuun ogummaa akka ta’e fakkeessee namoota hedduu gowwoomsa. Ni burjaajessa. Kanaafidha ergamaan Phaawuloos "Haxxummaa seexanaa ofirraa ittisuu akka dandeessanitti mi'a lolaa Waaqayyoo guutuu uffadhaa" jedhee dubbatee (Efe 6:11) kan gorsa isaa nuuf kennu.

Yoo eenyummaa keenya taanee itti fufnee, deebi'uu didne dhuma irratti balaadhaaf saaxilamna. "Hidhii sobaan namatti kuulu hundumaa, arraba jajuu gurguddaa dubbatus, gooftichi haa kukkutu!” (Far. 12:3) Kunis jireenyi keenya faayidaa kan hin qabnee fi faayidaa kan hin qabne akka taʼu godha. Kanaaf ayyaana Kiristoos kennetti amanamuudhaan hidhii keenya dubbii gowwoomsaa akka hin dubbanne dhorkuun nu irraa eegama. 

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo yeroo hunda dhugaa, kan soba hin beekne waan taateef sin galateeffadha. Hidhii koo gowwoomsaa akka hin dubbanneef ayyaana keetiin na gargaari. Ameen

@Getu_Official 💟


🎶 "Hin Ariifatiini Suuta Jedhii Deemi! Wanti Nama Miidhus hedduudha! Bara kana keessa Ogummaa Qabaachuun Gaaridha..."

Far. Baacaa Bayyannaa

╰──⌊  @Getu_Official

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.
OSZAR »