Фильтр публикаций




👋 Welcome!

🔵 Channelee Barnootaa fi beekumsaa akkasumas odeeffannoo barbaaddan hunda irraa argachuu dandeessan kanneen tuquudhaan join taasisaa!


Join All Channel
➿➿➿➿➿➿
┃_
@Gaggeessummaa 🥇
┃_
@Barruu_Beektotaa 🗣️
┃_
@Reading_PDF 📚
┃_
@Arara_tv_world_wide ❤️
┃_
@JCP_CHURCH 🛰
┃_
@marsiltvworldwide 📺
┃_
@Gaaela_Gaarii 🎀
┃_
@Singer_Megertu_Official 🎤
┃_
@Yerusaalem_Haaraa 🎙
┃_
@Kakuu_Studio 📺
┃_
@Lebamsett 💔
┃_
@Spiritual_PDF
┃_
@Coba_Yaadaa ‼️
┃_
Hariiroo Jaalalaa 🌷
┃_
@Computer_Soln 🖥
┃_
Researchers Review ☁️
┃_
@Getu_Official ❤️
┃_
@Facts_and_quotes123
┃_
@Seenaa_Tube ⭐️
┃_
@Sona_Official1 🌹
┃_
@kutannoo123
┃_
@Walaloo_Faaruu🎙
┃_
@Spritpoem 🔔
┃_
@DirreeGN ▶️
┃_
@Walaloo_hafuuraa24 😀
┃_
@Kii_Sii ❤️
┃_
@Naar_dos 🧔
┃_
@Daandii_Guddinaa ♨️
┃_
@Walaloo_Jaalalaa24 ❤️
┃_
@Jireenyaboruuf 😀
┃_
kottaakolfaa 😂
┃_
@Dhimma_Fayyaa 💊
┃_
@morning_tips 💐
┃_
@Gorsa_Ganamaa ❤️
┃_
@AsoosamaafiWalaloo 📜
┃_
@Walaloo_jaalalaa24 ❤️
┃_
@Kutannoo123 📌
┃_
@top_books_store 🗂️
┃_
@Gech_pdf 📚
┃_
@MarsilTvWorldWide 💢
┃_
@gaggeessummaa24🕖
┃_
@miira_jaalalaa ❤️
┃_
@Amharic_proverb
┃_
@Maaranaataa_Yesuus ✉️
┃_
@Dirree_Faarfannaa
┃_
@Now_speak_English 📕
┃_
@Danbalii_jaalala 💋
┃_
@shoppinggeni 🏷️
┃_
@Spoken_English24 🎓
┃_
Plumbing Work 🚰
┃_
@Academy_365😀
┃_
@haadha_manaa_ogeettii ❤️
┃_
@DayStarBooks 📚
┃_
@Gaggeessummaa 🎓
┃_
Christian Living 📖
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@oro_liverpool_fc 🏅
┃_
@Walaloo_Faaruu 📱
┃_
@Dirree_Faarfannaa 🎸
┃_
@academic_research_center📕
┃_
Kottaa Kolfaa 😁
┃_
@Dire_Sport ⚽️
┃_
@sportnews_724 🏐
┃_
@Lifetips30
┃_
Idea Creative🔝
┃_
Daily Quotes 🗣️
┃_
@muhsiinkhan11
┃_
@HamboofAroon1 🔵
┃_
Hirko Tech
┃_
@Gech_pdf 📂
┃_
@Abdii_Nagahoo 💌
┃_
@Jaala_Dhugaa ✉️
┃_
Best Classicals 🎧
┃_
@Coba_Qalamaa
┃_
@QAROO_SABAA 🔵
┃_
@successboosters ❤️
┃_
Oro Sport 💪
┃_
@beka_techno 💻
┃_
Hirko Tech 💻
┃_
Garee Telegram Banaa
┃ 👇👇
┃_
@Daandii_Guddinaa 🔊
┃_
@caaffata_qulqullaaa 📖
┃_
@research_helping 📝
┃_
@orotv24 📺
┃_
@learningtips123 🚸
┃_
@graphicsmaker123 🧩
┃_
@gaggeessummaa_com 🔔
┃_
@gaaela_gaariifamily 🧾
┃_
@dirree_bohaartii 😀
┃_
@be_positive24
┃_
@youth_center1 👭
┃_
@haadhamanaaogeettii ❤️

┃_
➿➿➿➿➿➿
Join All Channels

@hopepromotion 🎺
@bittaafigurgurtaachannel 😀

Contact: @Getu_Abera


🫂 Nama jaalattu🌹tokko yommuu yaaddu miira keessa jirtu ibsuuf ergaalee itti fayyadamuu dandeessu,.... ➡️ Itti fufii dubbisi

                 👇👇👇
        🫱✨ See More✨
        🫱 ✨See More ✨
                 👆👆👆
🌹






Roobert Mugaabee 🗣️

....... Osoo "Addaam" nama lammii biyya chaayinaa ta'eera ta'e hundi keenya jannata keessatti hafna turre....... sababni isaas, inni osoo poomii [Apple] sana hin nyaatin dursee boficha nyaata ture!... 😆

Peppeeepeee Akekkekkeeeee jedhe jaarsi! 😁👴🏼


Jechi...
Ol nama kaasa
Nama gammachiisa
Muukii dhabamsiisa
Mijuu argamsiisa
Dhiphuu furguuggisa
Abdii horachiisa
Jireenya feesisa
Jannata geessisa
 
Jechi
Laphee buusa
Miira cabsa
Hawwii dabsa
Abdii dhaamsa
Humna nafsa
Jibba rabsa
Kophaa tursa
Abdii dhorsa
Jiruu onsa
 
Eeggadhu
Jecharra ulee wayya
Madaan qaamaa bulee fayya
Jechi chaappadha… ichima tumamte
Af-Baanan dhumaadha… Dhadhaa qilee buute
 


SEENAA AJAA'IBAA KANA DUBBISAA!

Namticha tokkotu fardaan osoo deemuu namticha miilla lamaanuu hin qabne tokkotti dhufe. Namtichi miilla hin qabne sunis tabba ba'uu dadhabee foqoqaa ture. Abbaa fardaa argeetu, " Maaloo na bira hin darbin. Akkuma argitu kana miilli koo lachuu citaadha deemuu hin danda'u." Jedhaan. Abbaan fardaas hedduu gaddeef. Namticha miilla hin qabne kanas baatee fardarratti uddeellateetu imala eegale.
.
Erga takka deemanii booda, namtichi miilli citaa sunis abbaa fardaatiin akkas jedheen..., " Milli koo citaa waan ta'eef lama taanee farda kanarra taa'uun natti toluu dide. Ati miillikee fayyaa waan ta'eef xiqqoo lafa deemi; animmoo takkan kophaakoo yaabbadhaatii jedheen."
Abbaan fardaas duraanuu waan akka malee gaddeefii jiruuf, tole jedhee bu'ee lafa deemuu eegale. Namtichi miilla citaa sunis takka erga fardaan kophaasaa deemee booda. Gulufuu eegale. Abbaan fardaa dhaabi jedhus didee gulufee fagaatee deeme.
.
Abbaan fardaa sunis namtichi miilla citaa sun fardasaa fudhatee akka badaa jiru waan hubateef sagalee ol fuudhee akkas jedheen, " Farda kanallee fudhachuu fudhadhu. Waan narratti raawwatte kana garuu namatti hin himin adaaraakee. Addunyaa kanarraa namni nama gargaaru ni dhabamaatii." Jedheen jedhama.

OSOO ISIN TA'EE MAAL GOOTU?




❣️Seenaa Gabaabaa kana Dubbisaa 👇
Dubbartii ulfaa kana!!


✔️ Gaaftokko dubarttii ulfa🤰ji'a 5 tokkotu daa'imaa wagga 2 battee Doctor biraa deemtee jedhamaa

✔️Isheenis erga Dr biraa gese doctorichis kabajan simatee maal si gargaruu? jedheni gafaate.
achuman isheenis ulfaa ji'a 5 ttu garaa koo jira Kanaf uttum da'imaa badhu kana hin gudisiin da'uu wanan hin barbadenif akka na irraa baftanan barbadaa jetteni gafaattee

✔️ Achuman Doctorin sunis deebisefi
erga akkas ta'e kan garaati battus mucadhamu keetti kan harkati battus mucaa keetti waan ta'eef

✔️Amma yoon ulfii Kun akka si irraa bahuu tasise dhiignee kee bayyee dhanga'uu danda'aa atis moo miidhamu dandesssa Kanaf Isaa garatii batuu basuu dhiifnee Karaa salphadhaa ta'e
#Lubbuun_tokkuma waan ta'eef mucadhuma Isaa harkatii battu kana yoo ajjeefne hoo ? Jedheni gafatee.

✔️ Achuman durbatiinis bay'ee natte waan jette itti deebiftu walalte ulfaa garaa jiru basuun #lubbuu_basuu akka ta'e Dr irraa gorsa argatee deebbitte galtee jedhama.

✔️Maal jechuun barbaadee ✍️

✔️Ulfii garaa jiruu fi kan dhalatte
Lafa jiru tokkuma .
Kanaf warrii lubbuu waqnii ummee
Akkaa barbadaanii godha oltaan
Dhiisaa 👂fulaa waaqayyootiti lubbuun
Xiqqoo hin qabdu gaaftokko itti gafaatamtuu

✔️ Waan dubbiftaniif ulftadhaa jechaa yoo isiniti tolee hiriyootaa keessaanif share gochuu hin dagaatiin irraa baratama 🙏

@Asoosamaafiwalaloo


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


Nama 🤔

Nuti Nama jedhamnee
Erga fudhannee maqaa
Maal taanaan daganne
Jaalala ilma Waaqaa

Wal miidhuuf jarjarree
Wal irratti harka idaana
Nagaaf wal hanqannee
Du'aaf biyyee walitti haana

Bineensi ilma namaati
Inni kutee nama nyaatu
Kennaanis ilma namaati
Inni yaada namaa laatu

Bineensi bineensa caalu
Nama maafan isa amana
Kan hidhee isa awwaalu
Nama isa da'oon isa mana

Yaanni garaa namaa
Boolla qilee gadi fagooti
Amma lubbuun jirtutti
Gadi qabdee nama footi

Akka du'u ofii dagatee
Namas hidhee ajjeesa
Silaa innis ilma namaati
Jawwees miti jaldeessa

Akka duutu yaada-dhu
Lafa kana irrattin haftuu
Hojii gaariis hojje-dhu
Bulee si dadhaba laftuu

Ofii yaaduu dadhabnee
Maaf of-ajjeesuu jarjarra
Silaahoo duuti hin hafu
Maaf rakkinaatti dabarra

Walii yaaduus hanqannee
Maaf wal hidhuu filanna
Wal ajjeesuuf wal laannee
Maa walii keenya hamanna

Mee kootta as deebi'aa
Jaalala waliif horanna
Namni bade yoo jiraate
Jaalalaan wal barbaanna


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


Bona nuuf darba jennaan
Hongeen lafaan nu dhahe
Ganna nuuf darba jennaan
Dhoqqeen mataa nu ga'e...
Gajamoo cabe taanee
Hidda muruu dadhabne
Xaddee dulloomte taanee
Tabba ba'uu dadhabne !!!
Xaafii galaana biraa
Ciradhu moo dhiisuree ??
Aariin garaa na jiraa
Himadhu moo dhiisuree??

. ┏━━━💞━━━━━━━━┓
. Malkaa Dhibayyuu !!
. ┗━━━━━━💞━━━━━┛
Eenyuttis himatu ??
Haa taa'uu Garaa koo!!

@Asoosamaafiwalaloo


#Mucaan_xiqqaan_tokko tuuta mukeenii keessa deemee osoo qoraan ibiddaa coruu, simbirroo halluu warqee fakkaatu qabduu fi hedduu bareedduu tokko damee muka dheeraa tokkoo irratti arge.
Innis adda ta'uu simbirroo sanaa hubate, simbirroo sana qabachuuf muka dheeraa sanatti ol ba'uu yaade.

Achumaan qoraan ibiddaa funaanuu dhiisee muka sanatti ol bahuu jalqabe.
Mikichatti ol bahaa osoo jiruu akka tasaa damee mukaa tokkoo irra sigigaatee akka malee lafatti kufe.

Shamarreen bishaan waraabbattee galtu tokko isa argitee iyyitee fiigichaan bira geessee "Heey, gurbaa nana lafee kee caccabsuuf jettaa?! Muka sana irraa ati maal hojjechuuf turte?
Firiin mukichaa bilchaate hin jiru, kanaaf maaliif ol bahuuf yaadde?
Obboleessi koo angafaa muka irraa kufee of wallaalee, jilbi bitaa isaa buqqa'e, lafeen miila isaas cabe.
Akka obboleessa kootti jireenya kee balaarra buusuu barbaaddaa? Muka kanatti deebitee ol bahuu yoo dhiiste siif wayya" jetteen.

Gurbaan akkuma shamarreen sun isa biraa deemteen ka'ee muka sanatti ol ba'uu itti fufe. Simbirroo bareedduu sana qabachuuf qabsoo eegale. Garuu ammas dameen mukaa ittiin caccabee muka irraa kufe. Yeroo kana, jilba isaa madaa guddaan hubamee dhiigni isaa cobe.

Ammas namni tokko isa argee dafee bira ga'ee "Gurbaa nana muka sanarra ol ba'uuf dirqama maal qabda? Hanga miilli kee miidhamu osoo kana morma kees cabsuu akka dandeessu beektaa?
Yoo lafee kee cabsite warri kee qarshii isaanii guutuu mana yaalaa keessatti fixu. Ati gonkumaa ol ba'uuf yaaluu hin qabdu., Firii bilchaate tokkollees hin jiru, gonkumaa hin jiru!" Jedhee itti iyyee deeme.

Mucaan sun achiis ka’ee, dhiiga isaa cobsaa ammas muka sana yaabbachuu jalqabe. Garuu sodaa qabaatus, yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon jalqabe itti fufuuf murteesse.
Akkuma yaade simbirroo warqee sana bira ga’ee qabee gammachuudhaan muka irraa gad bu’e.

Simbirroon kun baay'ee bareedduu fi hawwattuu waan taateef namni ishee argu hundi ni ajaa'ibsiifata.
Dinqisiifannaa guddaa waan qabduuf namoonni kanfaltii raawwatanii ilaaluu eegalan.
Booda maanguddoon tokko mucicha bira dhaqee "Yaa mucaa nana simbirroo ajaa'ibaa kana qabaachuu keetti baga gammadde.!!
Garuu namoota gonkumaa muka sanarra hin ba'in siin jedhan maaliif hin dhaggeeffanne?"Jedhee gaafate.

Gurbaanis kolfee akkas jedhe. "Waan ani arge namoonni kaan hin argine.
Isaan firii mukaa hin bilchaanne argan, ani garuu simbirroo qaaliin arge.
Abbaan koo wantoota ati argite namni hunduu hin argu.
Waanni kun akkuma mul'ata jireenya keenyaati." Mul'anni keenya nuuf adda, namni hundi hin argu ykn hin hubatu. Jechoonni namaa abjuu keenya hordofuu irraa akka nu dhorku heyyamuu hin qabnu" jedhe mucaan

Yeroo tokko tokko abjuu si malee namni biraa arguu hin dandeenyee milkeessuf balaa fudhachuu qabda. Namoonni mul'ata kee arguu yoo dadhaban abdii hin kutatin, yoo siif barbaachisaa ta'e itti deemi.




Seenaa ajaa'ibaa waa'ee nama Badhaasa Nagaa Nobel (The Nobel AwardS or 'Nobels utmärkelser' in Swedish) jalqabee hangam beeytu?
(Barruu kana yeroon bardheengaddaa Afaan Sweden baradhu kanin hubadherraa afaan keenyatti hiikee dhiheessuuf jedheen guyyaan badhaasaa dabarraan achumaan irraanfadhe. Edaa guyyaa badhaasni sun biyya keenya dhuftu eeguuf na irraanfachiise!)
Namni badhaasa kana eegale lammii Sweden, Alfred Nobel (1833–1896) jedhama. Namni kun ogeessa Chemistry ture. Bara jireenya isaa keessatti dhuka'aawwan gurguddaa har'a addunyaan waraanaa fi hoji ijaarsaaf itti fayyadamtu sadi kalaqe. isaanis Dynamite (dimaamitii), Gelignite, and Ballistite. Meeshaaleen waraanaa gurguddaan har'a gabaa irra jiran baay'een isaanii jalqabbii nama kanaa irraa dagaagan. Bara jireenyaa isaa keessa hayyama abbummaa (patents) 350 ol argate. Kana irraas qabeenya guddaa horate. Nobel yeroo du'utti warshaalee meeshaa waraanaa 90 ol qabaachuu ture.
Ofii isaaf nama nagaa tahuyyuu, ogummaan isaa guddaan meeshaalee dhuka'oo hojjechuu waan taheef eebbaa fi dhaadessa dandeettii isaa gitu hin arganne. Bara 1888 osoo inni lubbuun jiruu obboleessi isaa Ludvig jedhamu boqote. Duuti obboleessa isaa sun dogoggoraan akka waan Nobel mataan isaa du'eetti afarfame. Inumaa gaazeexaan biyya Faransaa tokko "Le marchand de la mort est mort (the merchant of death is dead)" (Daldaltichi du'aa sun du'eera) jechuun gabaase.
Alfred Nobel osoo lubbuun jiruu gabaasa gaazexaa kanaa yoo dubbisu baay'ee rifate. Addunyaan akkamitti akka isa laalaa jirtu xiinxale. Gaafa du'e waan hamaan malee waan gaariin kan hin yaadatamne tahuu isaa hubate. Kanaafuu wayta saniraa qabee akka itti du'a booda maqaa gaarii dhiisee dabru xiinxale. Yaada Nobel Awards jedhu jalqabuu kan murteesses wayta kana. Badhaasa gosa shan ogummaa saayinsii afurii fi nageenyaan namoota gumaacha olaanaa taasisan waggaa waggaatti badhaasuu yaadni jedhu wayta kana dhalate. Qabeenya isaa hundumaas kanumaaf oolche. Badhaasota shanan keessaa afur Swedenitti kan qopheeffaman yoo tahu kan dhimma nagaa ammoo Norway Oslootti akka kennamu murteeffame. Yaada kana dhalchee korees itti ijaree eega amaanaa kennatee booda Mudde 10, bara 1896tti du'e. Bakki owwaalca isaa magaalaa guddoo Sweden Stockholm keessa iddoo Norra begravningsplatsen jedhamutti argama. Alfred Nobel bara jireenya isaatti hin fuune. Ilmoos hin horre.


𝑂𝑏𝑏𝑜𝑙𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎 ℎ𝑖𝑛 𝑞𝑎𝑏𝑢
𝐾𝑎𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑎𝑎𝑡𝑢 𝑘𝑜𝑜𝑛𝑔𝑜𝑜
𝐾𝑖𝑟𝑎𝑎𝑛 𝑚𝑎𝑛𝑎𝑎 𝑐𝑖𝑚𝑒𝑒
𝐴𝑛 𝑑𝑢'𝑒𝑒𝑟𝑎 𝑞𝑜𝑜𝑛𝑞𝑜𝑜
~
𝐺𝑎𝑎𝑓𝑎𝑛 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑖𝑙𝑎𝑎𝑙𝑢
𝐺𝑎𝑟𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒𝑛 𝑟𝑖𝑓𝑎𝑑ℎ𝑎
𝑆𝑖'𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑏𝑎𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑢
𝐵𝑎𝑟𝑏𝑎𝑟𝑒𝑒𝑛 𝑏𝑖𝑡𝑎𝑑ℎ𝑎
~~~~
𝐾𝑎𝑛𝑎 𝑞𝑜𝑓𝑎𝑎 𝑠𝑒𝑒𝑡𝑢𝑢
𝑊𝑎𝑛𝑡𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑦'𝑒𝑒𝑑ℎ𝑎
𝐾𝑎𝑛𝑎𝑛 𝑘𝑖𝑟𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑑ℎ𝑒𝑠
𝑀𝑎𝑛𝑎 𝑂𝑏 𝑇𝑎𝑎𝑦𝑦𝑒𝑒𝑑ℎ𝑎
~
𝐵𝑎𝑟𝑖𝑖 𝑠𝑢𝑢𝑏𝑖𝑖𝑛 𝑏𝑎'𝑒𝑒𝑛
𝐵𝑖𝑡𝑎𝑎𝑓 𝑚𝑖𝑟𝑔𝑎 𝑘𝑎𝑎𝑑ℎ𝑎
𝐿𝑎𝑎𝑞𝑎𝑛𝑎 𝑘𝑜𝑜 𝑔𝑢𝑦𝑦𝑎𝑎
𝑆𝑎𝑔𝑎𝑙 𝑏𝑜𝑜𝑑𝑎𝑛 𝑛𝑦𝑎𝑎𝑑ℎ𝑎
~
𝑁𝑎𝑚𝑛𝑖 𝑡𝑎𝑘𝑘𝑎𝑎 𝑛𝑎𝑚𝑎𝑎𝑓
𝐺𝑜𝑟𝑠𝑎 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜𝑛 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑢
𝑅𝑎𝑘𝑘𝑜𝑜 𝑘𝑜𝑜𝑛 ℎ𝑖𝑚𝑎𝑑ℎ𝑒
𝐾𝑜𝑙𝑓𝑎 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜𝑛 𝑞𝑎𝑏𝑢
~~
𝐴𝑚𝑚𝑎 𝑘𝑢𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑎
𝑀𝑎𝑎𝑙 𝑗𝑒𝑡𝑡𝑎 𝑏𝑎𝑞𝑞𝑎𝑙𝑢𝑢
𝐾𝑢𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑛 𝑡𝑎𝑎𝑡𝑢
𝐷ℎ𝑢𝑔𝑎𝑎𝑑ℎ𝑎 𝑛𝑎𝑛 𝑓𝑎𝑙𝑢𝑢
~~~~
𝐸𝑔𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑏𝑜𝑜𝑑𝑎𝑠
𝑀𝑎𝑛𝑎𝑛 𝑖𝑗𝑎𝑎𝑟𝑟𝑎𝑑ℎ𝑎
𝐼𝑠ℎ𝑒𝑒𝑛 𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑓𝑢𝑢𝑑ℎ𝑢𝑠
𝐴𝑚𝑚𝑎𝑛 𝑖𝑙𝑎𝑎𝑙𝑙𝑎𝑑ℎ𝑎
~~~~

@Asoosamaafiwalaloo


Waliif qoodaa!

1. FINFINNEE - Addis Ababa
2. AGAMSA - Markaatoo
3. BADDAA EJERSAA - Ras Kaasaa Sefer
4. BAAROO KORMAA - Xuqur Anbassaa
5. BIRBIRSA GOOROO - Piassa
6.Caffee Araaraa -sidist kiiloo
7. CAFFEE aannanii - Meksiikoo
8. CALCALLI - Saar-bet
9. DAALATTII - 4-kiiloo
10. DILDILA ADURREE - Inxooxxoo
11. GARBII - Senga-taraa
12. GOLBOO - Ceerqoos
13. GULALLEE BADHAASOO - Qeeraa
14. HURUFA BOOMBII - Jaan-Meedaa
15. QARSAA - Kaasaanchis
16. ADOOLAA - Kibre-Mengist
17. BULEE HORAA - Hagere Maariyaam
18. EJEREE - Addisaalem
19. ROOBAA - Nifaas Silk
20. ADAAMAA - Naaziret
21. CIROO - Asebe Teferi
2.BISHOOFTUU - Debre zeeyit
23.BOTEE-Maqii
24.BAATUU-Ziwaay
25.Amboo-Hagerehiwoot
26.Sabbataa-Alamganaa
27.Hoolotaa-Gannat
28.Walisoo-Gihoon
29.Tulluu eegduu-Menagesha
30.Haroo sabbuu-Alem teferi
31.Roobee-Goobbaa
32.Lammii-Lamii
33.Birbirsa-Georgis Church
34.Dhekkaa-Yeka
35.Dhooqa booraa-22 mazoria
36.Doobbii-Qacanee
37.Laga harree-Laga haar
39.Dabbassoo-mashalookiyaa
40.Haroomaayyaa-Alemaya
41.Bakkanniisaa-Mekanisa
42.Bookee-Bethel
43.Qarree Gowwaa-Gohatsion
44.Haxaaii-Axaayyee
45.Abbaa Guuguu-Aarbaa guuguu
46.Dirree Dhoaa-Dire dawa
47.Karaa Maraa-Kaarra Maarraa
48.Saa Gurree-Saaguree
49.Naqaadallaa-Maqdela
50.Melka jaldu-Melka Jebdu
51.Naqqamtee-Lekemte
52.Karaa Qoree-Karaa Qorree
53.Illuu Abbaa Booraa-illuubaaboor
54.Oboraa-Waabaraa
55.Dhedheertuu-Dertu
56.Yaaa baloo-Yabello
57.Qolan Koomii-Welenkomi
58.Hara Dambal-Zway
59.Cuqqaalaa-Ziqualla
60.Mataaharaa-Metehara
61.Arsii-Aruusii
62.Bishaan Diimaa-Bisdiimoo
64.Qoqaa-Koqa
65.Mandayyoo-Fasil Awuraja
66.Bishaan Dhinsaa-Yilman Dinsa
67.Haqaaqi-Akaki
68.Irreensaa-Gudeellaa
69.Shaamboo-Shaambuu
70.Ilaalibalaa-Lalibela
71.Fincaaaa-Finca
72.Abboomsaa-Tinsae birihan
73.Hora-Filwuha
74.Hawaas-Awash
75.Qaalluu-Kality
76.Laga Qamalee-H/Giorgis Dildiy
77.Wal-arga-Wellega
78.Tulluu Daalattii-Tiliku Betemengist
79.Addababaii-Adebabay
80.Qilee-Asko
81.Suluula Garbii- T/Haimanot
82.Awwaaroo-Aware
83.Adaamii-Rufael
84.Sheik Hojole/Didiimtuu-Shegole
85.Waddeessa-Chercher Godana
86.Tulluu Ejersaa-Hanna Mariam
87.Lumee-St.Joseph
88.Labuu-Siga meda/Tatek
89.Laaftoo Tumtuu-Buna Board
90.Tulluu Dheertuu-Gofa Betemengist
91.Tulluu Heexoo-Buufata Poolisii Jahaffaa
92.Laalii-Intoto Mariam
93.Burqaa Ejersaa-Faransay Imbassy
94.Caffee Muudaa-Lideta
95.Dhakaa Araaraa-sherathon & Hilton area
96.Dolloo Buddeenaa-Gotera,Wello sefer &
97.Dhummuugaa-Ginfille
98.Fiichee-Xalian mishig
99.Golbaa-Addis ketema
100.Hadaa-Tele,Garaj,Cerkos Betekiristan
101.Harawa-kaca Fabirika
102.Harbuu-Gurd Shola
103.Harbuu Irreessaa-Ras
Hailu Sefer
104.Hulluuqa Kormaa-Istifanos
105.Jaajaa-Bihere Tsige
106.karaa Qorxii-Belay zeleke Qilxu straight
107.Burqaa Qorichaa-Yeka Michael,Around
Kebena river
108.Hurufa Raaree-Around Bus Station
109.Keelloo Masqalaa-Around 4-Kilo Campus
& Betekiristan area
110.Riqicha Alloo-Engliz & Russia Embassy
111.Caancoo/Arsii-Debre Selam
112.Bulikaa-Bulga
113.Collee-Debre Sina
114.Dheedheeraa-Dadar
114.Erar-Yarar
115.Gaara sibiiluu-Minilik Gibbii
116.Hankoober-Ankober
117.Goodaa Boombii-Tatek Defer
118.Bubbee-Yirga Dejen
119.Ganda Aliyyuu-Gandaliyyuu
120.Haadha Adii-Adaadii
121.Walda`a-Woldiya
122.Madaaroo-Ayertena
123.Kuukkuu-Hagere Marian
124.Jajjuu-Yejjuu
124.Tulluu Diimtuu-Bahita Gebriel
125.Tulluu Maraa- Tulluu Amaaraa
126.Wacaalii-Wucaalee
127.Waabee Shabal-Waabee Shebele
128.Malkaa Abbooshee-Baambiis
129.Mandooyyee-Baalee-Faasiil
130.Xarroo-Atana Tera


Warri kaabaa warri kibbaa
Warri shanii warri dhibbaa
Warri gamoo warri citaa
Warri bahaa warri lixaa

Warri qarshii warri dilbii
Warri Naqee warri Gimbii
Warri yaadaa warri qalbii
Warri Shaambuu warri Dambii

Warri Diggaa warri Leeqaa
Warri xiqqaa warri beekaa
Warri Nuunnuu warri Arjoo
Warri Noolee warri Najjoo

Warri veenus warri marsii
Warri Shawaa warri Arsii
Warri durii kan boodanaa
Warri Gujii kan Booranaa
Warri booraa warri daalee
Kan Harargee warri Baalee

Warri kunoo warri kuunnoo
Warri Iluu warri Buunnoo
Warri tokkoo warri lamaa
Warri Jimmaaf Gibee gamaa

Kan ga'eessaa kan dardaraa
Warri gidduu kan qarqaraa
Kan Matakkal kan Wanbaraa

Warri roobii warri balloo
Warri Raayyaa warri Walloo
Warri eeboo warri mancaa
Kan Tuulamaa warri Maccaa

HUNDI KEESSAN-

Warri qottuun warri qottan
Warri loltuun warri loltan
Warri geengoo warri tarree
Warri qeerroo warri qarree

Warri xiqqaa warri guddaa
Warri qal'aa warri furdaa
Warri diidaa kan naan biraa
Warri dhiigaa warri firaa

Warri waancaa warri koddaa
Warri cidhaa warri soddaa
Warri miinzee' warri sayyuu
Kan ogeessaa warri hayyuu

Warri jaarsaa warri jaartii
Warri waloo warri aartii
Warri eebbaa kan eebbistan
Warri weelluu kan weellistan

Warri 'import' warri 'export'
Warri 'atilet' warri ispoortii
Warri utaaltan warri fiigdan
Warri ijaartan warri diigdan
HUNDI KEESSAN-

Kan agartan kan agarsiiftan
Kan barattan kan barsiiftan
Kan dandeessan kan dadhabdan
Kan faarfattan kan lallabdan
Warri bittan kan gurgurtan
Warri ciistan kan kurkurtan

Warri aadaa warri ammayyaa
Warri nersii warri fayyaa
Warri shooxee warri lawwee
Warri ulee warri qawwee
Warri mirgaa warri bitaachaa
Warri qaroo warri cinaachaa

Warri mormaa warri qokkee
Warri lamaa warri tokkee
Warri hin fuune warri fuutan
Warri hin duulles warri duultan

Kan gamanaa kan gamasii
Kan baranaa kan barasii
Warri dhaabbii warri teesssoo
Warri alaa warri keessoo

Jirtuu Akkam Jirtuu🥰

@Asoosamaafiwalaloo

Показано 20 последних публикаций.
OSZAR »