#Mucaan_xiqqaan_tokko tuuta mukeenii keessa deemee osoo qoraan ibiddaa coruu, simbirroo halluu warqee fakkaatu qabduu fi hedduu bareedduu tokko damee muka dheeraa tokkoo irratti arge.
Innis adda ta'uu simbirroo sanaa hubate, simbirroo sana qabachuuf muka dheeraa sanatti ol ba'uu yaade.
Achumaan qoraan ibiddaa funaanuu dhiisee muka sanatti ol bahuu jalqabe.
Mikichatti ol bahaa osoo jiruu akka tasaa damee mukaa tokkoo irra sigigaatee akka malee lafatti kufe.
Shamarreen bishaan waraabbattee galtu tokko isa argitee iyyitee fiigichaan bira geessee "Heey, gurbaa nana lafee kee caccabsuuf jettaa?! Muka sana irraa ati maal hojjechuuf turte?
Firiin mukichaa bilchaate hin jiru, kanaaf maaliif ol bahuuf yaadde?
Obboleessi koo angafaa muka irraa kufee of wallaalee, jilbi bitaa isaa buqqa'e, lafeen miila isaas cabe.
Akka obboleessa kootti jireenya kee balaarra buusuu barbaaddaa? Muka kanatti deebitee ol bahuu yoo dhiiste siif wayya" jetteen.
Gurbaan akkuma shamarreen sun isa biraa deemteen ka'ee muka sanatti ol ba'uu itti fufe. Simbirroo bareedduu sana qabachuuf qabsoo eegale. Garuu ammas dameen mukaa ittiin caccabee muka irraa kufe. Yeroo kana, jilba isaa madaa guddaan hubamee dhiigni isaa cobe.
Ammas namni tokko isa argee dafee bira ga'ee "Gurbaa nana muka sanarra ol ba'uuf dirqama maal qabda? Hanga miilli kee miidhamu osoo kana morma kees cabsuu akka dandeessu beektaa?
Yoo lafee kee cabsite warri kee qarshii isaanii guutuu mana yaalaa keessatti fixu. Ati gonkumaa ol ba'uuf yaaluu hin qabdu., Firii bilchaate tokkollees hin jiru, gonkumaa hin jiru!" Jedhee itti iyyee deeme.
Mucaan sun achiis ka’ee, dhiiga isaa cobsaa ammas muka sana yaabbachuu jalqabe. Garuu sodaa qabaatus, yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon jalqabe itti fufuuf murteesse.
Akkuma yaade simbirroo warqee sana bira ga’ee qabee gammachuudhaan muka irraa gad bu’e.
Simbirroon kun baay'ee bareedduu fi hawwattuu waan taateef namni ishee argu hundi ni ajaa'ibsiifata.
Dinqisiifannaa guddaa waan qabduuf namoonni kanfaltii raawwatanii ilaaluu eegalan.
Booda maanguddoon tokko mucicha bira dhaqee "Yaa mucaa nana simbirroo ajaa'ibaa kana qabaachuu keetti baga gammadde.!!
Garuu namoota gonkumaa muka sanarra hin ba'in siin jedhan maaliif hin dhaggeeffanne?"Jedhee gaafate.
Gurbaanis kolfee akkas jedhe. "Waan ani arge namoonni kaan hin argine.
Isaan firii mukaa hin bilchaanne argan, ani garuu simbirroo qaaliin arge.
Abbaan koo wantoota ati argite namni hunduu hin argu.
Waanni kun akkuma mul'ata jireenya keenyaati." Mul'anni keenya nuuf adda, namni hundi hin argu ykn hin hubatu. Jechoonni namaa abjuu keenya hordofuu irraa akka nu dhorku heyyamuu hin qabnu" jedhe mucaan
Yeroo tokko tokko abjuu si malee namni biraa arguu hin dandeenyee milkeessuf balaa fudhachuu qabda. Namoonni mul'ata kee arguu yoo dadhaban abdii hin kutatin, yoo siif barbaachisaa ta'e itti deemi.