#ABRAHAM_ISA_FAKKII_WAAQAYYO_ABBAA_TUREE_$_ #YISIHAQ_FI_HOOLAA_WARRA_GAADDIDDUU_YESUS_TURAN:❤️
✍️HUB:_ayyaanni waaqayyoo isiniif haa baay'atu Kabajamoo dubbisaakoo akkam jirtu jechaa;guyyaa har'aa kutaa macaafa qulqulluu Kakuu moofaa keessaa gaaddidduuwwan "waaqayyo abbaa" fi "waaqayyo ilmaa" Isa "nama guutuu " ta'ee kan mul'isan dhoksaa guddaa waan waliin barannuuf kutaa kana yeroo qo'attan gaggeessa Hafuura qulqulluun ta'aatii qayyabadhaa waaqayyo ayyaana isaa isiniif haa baay'isu.
✍️Bakka kanatti;wanti nuti hubachuu qabnu; macaafni qulqulluun boqonnaawwan hundisaayyuu kan waayee waaqayyoo fi yesus dhugaa ba'udha; walumaagalatti kitaabni qulqulluun waayee waaqayyo Isa madda Jireenya barabaraa ta'ee fi waayee yesus Isa burqaa Jireenya barabaraa kana keessaa ba'ee dhufee,du'ee du'aa ka'uun:_karaa(barabaraa)+ dhugaa(barabaraa)+ Jireenya(barabaraa) nuuf ta'eeti...#Waaqayyo abbaan,ilmis Kakuu moofaa keessatti karaa dubbii sagaleesaa(macaafa qulqulluudhaan) bifa gaaddidduu fi kallattii garaagaraan biyya lafaatti of mul'isaa ture;Kakuu haaraatti ammoo karaa ilmasaa yesus kristoos Isa biyya lafaatti nuuf ergeen waayee ofiisaas waayee ilmasaas nutti of mul'ise(beeksise)👏
📌“Caaffata qullaa'oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffatoota in qortu; caaffatoonni sunis immoo anaaf dhugaa in ba'u.”
— Yoh. 5:39
📌“Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa! Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru, Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera, hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera;”
— Isa. 34:16
#YAADA_GOOROO_BARUMSA_KEENYA_GUYYAA_HAR'AA_ #UUMAMA_22:1_14"FFAA #IRRA_DHAABANNEE_KAN_WALIIN_ILAALLU_TA'A:_
✅1"FFAA:_ABRAHAM_FAKKII_WAAQAYYO_ABBAA_TA_EE_ROGA_ITTIIN_ABBAA_MUL'ISE:-
✅2"FFAA:_YISIHAQ_FAKKII_YESUS_TA'EE_ROGA_ITTIIN_ISA_MUL'ISE:_
✅3"FFAA:_HOOLAA_ARANGAMAA_KEESSATTI_QAMABE_ISA_FAKKII_AARSAA_YESUS_AGARSIISE.
#NB:_Qo'annaa macaafa qulqulluu keenya guyyaa har'aa Seera uumamaa boqonnaa 22 lakkoofsa 1 hanga 14" irratti xiyyeeffannee waliin kan ilaallu ta'a:_
✅S.um 22:1_14"ffaa haala armaan gadiin haa hiiknu:_
📌Lakk 1:_“Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo qoree isa ilaaluudhaaf "Abrahaam!" jedhee waame; Abrahaamis, "Kunoo asan jira!" jedhee deebise.”
— Uma. 22:1
🛑Hiikasaa:_Bakka kanatti waaqayyo karaa Abrahamiin karoora biyya lafaa fayyisuu isaa beeksisuuf(jalqabuuf) yeroo "Abrahamiin qopheessuu fi hojiitti galchuuf jedhu argina.
📌lakk 2:_“Waaqayyos, "Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhi'eessi!" jedhe.”
— Uma. 22:2
🛑Hiikasaa:_Bakka kanatti waaqayyo abbaan; "Ilma isaa Isa tokkicha biyya lafaaf kennuuf akka jedhu ykn hamma ilma isaa biyya lafaaf kennuufitti akka biyya lafaa jaallate mul'isuuf jedheetu "gaaddidduun karaa Abraham ofiisaa ibse":_w.yoh 3:16_18.
✓Tulloota keessaa isa Ani sitti agarsiisu tokko irratti jechuun "waaqayyo ilmisaa yesus mandara yihudaa "Tulluu Qaraani'oo " ykn "Golgootaa" jedhamutti akka aarsaa ta'uuf jedhu "fakkiidhaan argisiisuu waaqayyoo ti.
📌Lakki 3:_“Abrahaamis ganama barii ka'ee, qoraan qalmi ittiin gubamu falaxee, harree isaas fe'ee, dargaggoota isaa keessaa lama, Yisihaqin ilma isaas fudhatee, lafa Waaqayyo isatti hime dhaquudhaaf karaa irra bu'e.”
— Uma. 22:3
🛑Hiikasaa:_Kutaan Kun ammoo; Waaqayyo abbaan ilmasaa waliin kaayyoo Fayyina ilmaan namootaa raawwachuuf adeemsa inni gara fannootti gochaa jiru argisiisuuf waaqayyo "bakka kanatti fakkiidhaan ibsuu isaati.
📌Lakk 4:_“Gaafa guyyaa sadaffaa Abrahaam ol ilaalee, iddoo sana fagootti in arge.”
— Uma. 22:4
🛑Hiikasaa:_Gaafa guyyaa 3"ffaa jechuun;lakkoofsi 3 Gorsa(waliigaltee) sadan waaqayyo tokkootiin; kristoos aarsaa ta'uunsaa karoorfamuu(akeekamuu) isaa ibsuu barbaadeetu.....#Dabalataan; waaqayyo Qaraani'oo "yesus" irratti biyya lafaaf aarsaa ta'uuf jedhu irra ijasaa kaawwachuu isaa "fakkiin" nuuf ibsuu barbaadeetu.