Postlar filtri


🧞🚑.HUMNA DHOKATAA BALAA KONKOLAATAA UUMU......... guutu isaa dubbisuuf join gochuun argachuu dandeessu 👇👇👇👇


🤝 WELCOME KUN BAKKALCHA BARII PROMOTION 🔱 HUBADHU 🔱
👇Utuu nuti jirruu

🤔 Farfaanna haaraa eessan argadha?
🤔 Barsisa haaraa essan argadha?
🤔Woship haaraa essan argadha?
🤔 Akkamittan bufachu danda'a?
👇 Maaloo Yoo qabaattemo naf dabarsi ? #JECHUN
#Walumaa_galatti nama kadhachun hafeera!!
#Dursa filannoo keessan nu godhadha👇👇👇
🔱❤️🔱❤️ JOIN ❤️🔱❤️🔱 gochun
keessa seenaa, sana booda buufachu qofadha!
Beeksisaaf @Bakkalcha_baarii_E_bot nu qunama

👇FILANNOON KEESSAN MAALI👇


#Isa Muhammad namoota baay'ee Ergama gubataa seexanaan dukkanatti galche; Dr.Zakir Naik ammoo akka isaan deebi'anii hin arginetti falaasama bukataan ija isaanii adooche.🤷

👉 Waaqayyo qofaatu sirriidha.
👉Yesus qofaatu karaa+dhugaa+ jireenya sirriidha.
👉 Macaafa qulqulluu qofaatu sirriidha.
👉Yesus kristoos=battala tokkotti waaqa guutuu+ nama guutuudha.
👉Hafuura qulqulluu qofaatu barsiisaa sirriidha.

🫴“Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.”
— HoE. 4:12


#Akka_Namni_mootuumaa_Waaqayyorraa_hin_hirmaanne_maaltu_dhowwa?
1. Waan darbetti yaada ofii hidhuudha.
Wanti darbe gammachus ta'e gadda , ykn gadhees ta'e gaarii ta'uu danda'a haata'u malee yaada ofii gara fuul-duraatti hidhuutu caala. Isa 43:18.
📖 “Kanaafis Waaqayyo, "Isa durii hin yaadatinaa, wanta darbettis yaada keessan hin hidhinaa!”
  — Isa. 43:18

Israa'elonni waggaa 40 lafa onaa keessa naanna'ani. Miilla isaaniitiin Misirii ba"aniiru. Yaada isaaniitiin garuu Misiriin jiru.
📖 S.lakk 11:4-6. Waan isaan jedhan argachuu dandeesu. 😁

Waaqayyo yaada namaa qoree in ilaala. Lafa yaadni namaa jiru  Waaqayyo ni beeka. Kanaaf Daawit Ilmasaa Solomoonin akkas jedhe.
“"Yaa Solomoon, yaa ilma ko, Waaqayyo inni ani abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu! Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta; yoo ati isa barbaaddachuu dhiifte garuu, innis bara baraan si in gata.”
Jedhe.
  — 1Sen. 28:9
Kanaaf duuba ofii ykn Isa darbe yaaduun jireenya namaa karaatti hambisa.
Of duuba ilaaluun gatii nama baasisa akkuma haadha manaa Loox. 📖 Uma 19:26.
Baay'een of duuba ilaalanii karaatti hafaniiru. Biyyi lafaa firakee miti. Ijakee Yesus irraa hin kaasiin ! 📖 Luq 17:31-33. Barri dhumaa ykn milikkinnisaa akkuma bara Loox ta' waan ta'eef.
2. Gatii borii irra yaada ofii kaa'uu dadhabuu dha.
Isa borii ilaaluu dadhabuudha. Warri Isa har'aa ilaalan mul'ata fi ija hin godhatan. Museen ulfina Isa har'aa jiraaturra ulfinasaa borii ilaaleetu kiritos irra ija keewwate.
📖 Ibr 11:26
“Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate.”
  — Ibr. 11:26

Warri Isa borii ilaalan mul'ata akkasumas ija qabu.
Mul 7:14-17.

📖 Mul. 7
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Ani immoo, "Gooftaa ko, situ beeka!" jedheen deebiseef. Inni immoo, "Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii dha; uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.
¹⁵ Kanaaf isaan teessoo Waaqayyoo duratti argamanii, halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti isaaf in hojjetu; inni teessoo irra taa'us godoo isaa diriirsee isaan irra in jiraata.
¹⁶ Egaa deebi'anii hin beela'an, hin dheebotanis; aduun, wanti gubus isaanitti hin bu'u.
¹⁷ Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa" anaan jedhe.

Jedhan.
📖 Filp 3:12-15.
Filp. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹² Kanas argadhee waanan guuttadheef miti; garuu Kristos kan isaa waan na godhateef, anis isa kana bira ga'ee harka koo keessa galfachuudhaaf duukaa kaachuutti nan jira.
¹³ Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.
¹⁴ Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.
¹⁵ Nuyi hammi karaa hafuuraa bilchaatoo taane, kanatti yaadaan tokko ta'uun nu irra jira; waa'ee waan tokkoof yaada biraa yoo qabaattan garuu, Waaqayyo isas immoo isinitti mul'isuuf jira.
¹⁶ Amma immoo kottaa isa bira geenye duwwaatti qabamnee in deddeebina.

3. Gatii ofii wallaaluun dha.
Namni  gatiisaa beekuu qaba. Namootni gatiisaanii hin beekne lafa hin taanetti kufa.
Namni gatiisaa beekuu garuu lafa hin taanetti hin kufu. Yoseef haadha manaa phooxifaaraa wajjiin ciisuun irraa kan baqateef  gatiisaa waan beekufidha. Gatiinsaa achitti hafuu miti darbee hoogganaa Gibxii ta'uudha. Abjuun isaa Amma of gammachiisee jiraachuu miti. Isa gara fuul-duraatti abjuu mootichaa hiikuun furmaata fiduu of keessaa qaba.

@Singer_Megertu_Official




Hafuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jiraate, isin akka fedha hafuuraatti malee akka fedha fooniitti hin jiraattan; namni hafuura Kristos of keessaa hin qabne, kan Kristos miti.  Kristos isin keessa erga jiraatee, dhagni keessan sababii cubbuutiif du'aa yoo ta'e iyyuu, sababii qajeelummaa argattaniif hafuurichi jireenya isiniif ta'a...
Egaa obboloota ko, wanti raawwachuun nuuf ta'u yoo jiraate iyyuu, akka fedha fooniitti jiraachuudhaaf isaaf abboomamuun nuuf hin ta'u.  Akka fedha fooniitti yoo jiraattan du'uun keessan beekamaa dha, hafuuraan hojii namummaa keessan isa foonii yoo ajjeeftan garuu in jiraattu.  Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti...
Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa in ba'a.  Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan in taana; waan kana hundumaas Waaqayyo biraa in arganna; Kristosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin immoo ulfaachuudhaaf, waan Kristos argatu hundumaas isaa wajjin in arganna.
Roomaa 8:9-10, 12-14, 16-17

@Singer_Megertu_Official


📌Lakk 5:_“Yommus Abrahaam dargaggoota isaatiin, "Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina" jedhe.”
— Uma. 22:5
🛑Hiikasaa:_Bakka kanatti; Waaqayyo Abbaan ofiisaa fi ilmasaa malee eenyuyyuu gara fannoo akka isaan waliin hin deemnee fi "Fayyina ilmaan namootaaf "Ilmasaa Yesusiin" fannoorratti ofiisaa qofa aarsaa gochuu akka qabu ibsuu barbaadeetu.....#Sababnisaa;kan biyya lafaa Kanaaf aarsaa ta'uu qabu "yesus " qofaadha & kan Yesusiin aarsaa gochuu qabu ammoo Waaqayyo abbaa qofa.....#kanaafitu,isaan lamaan malee eenyuyyuu gara Fannoo deemuu hin danda'u waan ta'eef "waaqayyo abbaan" ofiisaaf "Yesus ilmasaa" akka gaaddidduutti karaa Abraham fi Yisihaq ibsuuf jedheetu "Akka isaan lamaan qofaan gara tulluu aarsaatti ol ba'anii deebi'an godhe....#Dabalataan ammoo;achi garas dhaqnee sagadnee,gara keessanitti ni deebina jechuun...#Waaqayyo abbaan "ilma koo yesusiin ergan "fannoorratti " aarsaa taasisee booda "deebisee du'aa kaasee gara ofiikootti ol deebisee mirgakoo Nan teessisa jechuu isaati.
✅“Kunoo, sagaleen immoo, "Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama" jedhee waaqa irraa in dubbate.”
— Mat. 3:17

📌Lakk 6:_“Akkasitti Abrahaam qoraan qalmi ittiin gubamu Yisihaq ilma isaa baachisee, ofii isaatii immoo ibiddaa fi haaduu harkatti baate; lamaanuus walii wajjin in adeeman.”
— Uma. 22:6
🛑Hiikasaa:_Kutaan armaan olii Kun ammoo Waaqayyo abbaan;fannoo(qoraan qalma ittiin gubamu) Isa mallattoo "cubbuu ta'ee " fi fakkeenya ba'aa biyya lafaa ta'e; cubbuuf ba'aa keenya hundumaa yesusirra kaa'uu isaa nutti agarsiisa.......#Qoraan qalmi ittiin gubamu(fannoo yesus) Isa inni nu fayyisuuf ofirratti fudhatee nuuf baatee fi irratti nuuf aarfame,waadamee fi nuuf du'edha.👏
#Haaduun ammoo "Billaa waaqayyoo" ykn sagalee waaqayyoo Isa yesus ittiin nuuf qalamedha....#Abiddi
ammoo Isa ittiin dhagni yesus fannoorratti nuuf waadamedha...#kana jechuun dheekkamsa waaqayyoof aarii waaqayyoo Isa cubbuu keenyarratti boba'ee ture isa "yesus" qooda(bakka) keenya waan bu'eef dhagna isaa irratti nuuf fudhate jechuudha.....#dhagnisaa nuuf waadamudhaan ykn nuuf aarfamuun nuti karaasaa oolleerra.
✅Isa. 53
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;

📌Lakk 7:_“Takka erga adeemanii Yisihaq, Abrahaam abbaa isaatiin, "Abbaye!" jedhe; innis, "Maal jette ilma ko?" jedhe; Yisihaqis, "Ibiddii fi qoraanoo kunoo ti, qalma gubamu sanaaf immoo hoolaan meerre ree?" jedhe.”
— Uma. 22:7
🛑Hiikasaa:_Kutaan olii kunimmoo;Halkan qophee ayyaana faasikaa "yesus " qabamee dabarfamuuf kennamuuf jedhutti akkaataa "waliin dubbii yesus abbaasaa waliin taasise keessatti "xoofoo dhiphina isaa fi muddama isaa" akkaataa ittiin ibse nutti agarsiisa....#Akka qalamuuf deemu beeka sababnisaa "hoolaa" fuudhanii manaa hin baane...#kanaafiyyuu;Yesusiin agarsiisuuf "Yisihaq" calliseema adeemuutu irra ture.
✓luq 22:41_45

#NB:_Yisihaq daangaa keessatti Yesusiin ibsuun isaaf kenname waan qabuuf "Amma safara isaaf kenname qofaatti adeemee Yesusiin agarsiisuutu irra ture.....#kana jechuun "Yisihaq" Yesusiin agarsiisuun kan kennameef "hanga" abboomamuu Isa dhumaa fannootti ol ba'uu tti.......#Bakka qalamuuf du'uutti garuu "Hoolaan arangamaa" keessatti qabame "Taatoo " du'uu Yesusiin raawwachuu waan qabuuf waaqayyo taatoo kan biraa hoolaa qophesse

Itti fufa............

GALATOOMAA


#ABRAHAM_ISA_FAKKII_WAAQAYYO_ABBAA_TUREE_$_ #YISIHAQ_FI_HOOLAA_WARRA_GAADDIDDUU_YESUS_TURAN:❤️


✍️HUB:_ayyaanni waaqayyoo isiniif haa baay'atu Kabajamoo dubbisaakoo akkam jirtu jechaa;guyyaa har'aa kutaa macaafa qulqulluu Kakuu moofaa keessaa gaaddidduuwwan "waaqayyo abbaa" fi "waaqayyo ilmaa" Isa "nama guutuu " ta'ee kan mul'isan dhoksaa guddaa waan waliin barannuuf kutaa kana yeroo qo'attan gaggeessa Hafuura qulqulluun ta'aatii qayyabadhaa waaqayyo ayyaana isaa isiniif haa baay'isu.
✍️Bakka kanatti;wanti nuti hubachuu qabnu; macaafni qulqulluun boqonnaawwan hundisaayyuu kan waayee waaqayyoo fi yesus dhugaa ba'udha; walumaagalatti kitaabni qulqulluun waayee waaqayyo Isa madda Jireenya barabaraa ta'ee fi waayee yesus Isa burqaa Jireenya barabaraa kana keessaa ba'ee dhufee,du'ee du'aa ka'uun:_karaa(barabaraa)+ dhugaa(barabaraa)+ Jireenya(barabaraa) nuuf ta'eeti...#Waaqayyo abbaan,ilmis Kakuu moofaa keessatti karaa dubbii sagaleesaa(macaafa qulqulluudhaan) bifa gaaddidduu fi kallattii garaagaraan biyya lafaatti of mul'isaa ture;Kakuu haaraatti ammoo karaa ilmasaa yesus kristoos Isa biyya lafaatti nuuf ergeen waayee ofiisaas waayee ilmasaas nutti of mul'ise(beeksise)👏

📌“Caaffata qullaa'oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffatoota in qortu; caaffatoonni sunis immoo anaaf dhugaa in ba'u.”
— Yoh. 5:39

📌“Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa! Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru, Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera, hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera;”
— Isa. 34:16

#YAADA_GOOROO_BARUMSA_KEENYA_GUYYAA_HAR'AA_ #UUMAMA_22:1_14"FFAA #IRRA_DHAABANNEE_KAN_WALIIN_ILAALLU_TA'A:_

✅1"FFAA:_ABRAHAM_FAKKII_WAAQAYYO_ABBAA_TA_EE_ROGA_ITTIIN_ABBAA_MUL'ISE:-

✅2"FFAA:_YISIHAQ_FAKKII_YESUS_TA'EE_ROGA_ITTIIN_ISA_MUL'ISE:_

✅3"FFAA:_HOOLAA_ARANGAMAA_KEESSATTI_QAMABE_ISA_FAKKII_AARSAA_YESUS_AGARSIISE.

#NB:_Qo'annaa macaafa qulqulluu keenya guyyaa har'aa Seera uumamaa boqonnaa 22 lakkoofsa 1 hanga 14" irratti xiyyeeffannee waliin kan ilaallu ta'a:_

✅S.um 22:1_14"ffaa haala armaan gadiin haa hiiknu:_

📌Lakk 1:_“Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo qoree isa ilaaluudhaaf "Abrahaam!" jedhee waame; Abrahaamis, "Kunoo asan jira!" jedhee deebise.”
— Uma. 22:1
🛑Hiikasaa:_Bakka kanatti waaqayyo karaa Abrahamiin karoora biyya lafaa fayyisuu isaa beeksisuuf(jalqabuuf) yeroo "Abrahamiin qopheessuu fi hojiitti galchuuf jedhu argina.

📌lakk 2:_“Waaqayyos, "Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhi'eessi!" jedhe.”
— Uma. 22:2
🛑Hiikasaa:_Bakka kanatti waaqayyo abbaan; "Ilma isaa Isa tokkicha biyya lafaaf kennuuf akka jedhu ykn hamma ilma isaa biyya lafaaf kennuufitti akka biyya lafaa jaallate mul'isuuf jedheetu "gaaddidduun karaa Abraham ofiisaa ibse":_w.yoh 3:16_18.
✓Tulloota keessaa isa Ani sitti agarsiisu tokko irratti jechuun "waaqayyo ilmisaa yesus mandara yihudaa "Tulluu Qaraani'oo " ykn "Golgootaa" jedhamutti akka aarsaa ta'uuf jedhu "fakkiidhaan argisiisuu waaqayyoo ti.

📌Lakki 3:_“Abrahaamis ganama barii ka'ee, qoraan qalmi ittiin gubamu falaxee, harree isaas fe'ee, dargaggoota isaa keessaa lama, Yisihaqin ilma isaas fudhatee, lafa Waaqayyo isatti hime dhaquudhaaf karaa irra bu'e.”
— Uma. 22:3
🛑Hiikasaa:_Kutaan Kun ammoo; Waaqayyo abbaan ilmasaa waliin kaayyoo Fayyina ilmaan namootaa raawwachuuf adeemsa inni gara fannootti gochaa jiru argisiisuuf waaqayyo "bakka kanatti fakkiidhaan ibsuu isaati.

📌Lakk 4:_“Gaafa guyyaa sadaffaa Abrahaam ol ilaalee, iddoo sana fagootti in arge.”
— Uma. 22:4
🛑Hiikasaa:_Gaafa guyyaa 3"ffaa jechuun;lakkoofsi 3 Gorsa(waliigaltee) sadan waaqayyo tokkootiin; kristoos aarsaa ta'uunsaa karoorfamuu(akeekamuu) isaa ibsuu barbaadeetu.....#Dabalataan; waaqayyo Qaraani'oo "yesus" irratti biyya lafaaf aarsaa ta'uuf jedhu irra ijasaa kaawwachuu isaa "fakkiin" nuuf ibsuu barbaadeetu.


CAAFFANNI QULQULLAA'AAN MAAL JEDHA?
1) “Namni qajeelaan hin jiru,
lakkii, tokko illee hin jiru. ”
Roomaa 3:10

2) “Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef”.
Roomaa 4:3

3) “Namni isatti amanu hundinuu hin yeella'u”.
Roomaa 10:11

4) “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola”.
Roomaa 10:13

5) “Ogummaa warra ogeessotaa nan balleessa, hubannaa warra hubattootaas lafatti nan dabala”.
1 Qorontos 1:19

6) “Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda'a?”
Nuyi garuu yaada Kristos qabna.
1 Qorontos 2:16

7) “Inni warra ogeessota haxxummaadhuma isaaniitiin isaan in qaba;”
1 Qorontos 3:19

8) “Isa hamaa hojjetu of keessaa baasaa!”
1 Qorontos 5:13

9) “Biyyi lafaa wanti ishee keessa jirus hundinuu kan gooftaa ti”.
1 Qorontos 10:26

10) “Addaam inni duraa foon lubbuu qabu ta'e; Addaam inni lammaffaan immoo hafuura jireenya kennu ta'e” .
1 Qorontos 15:45

11) “Nan amane kanaafan dubbadhe” in jedha; nus immoo hafuuruma amantii sana qabaannee amanne; kanaafis in dubbanna.
2 Qorontos 4:13

12) “Isa baay'ee bu'ateef homtuu irraa hin hafneef, isa xinnoo bu'atetti homtuu itti hin hir'anne” .
2 Qorontos 8:15

13) “Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne abaaramaa dha!”
Galaatiyaa 3:10

14) “Ilmi garbittittii ilma ishee birmaduu wajjin dhaala hin hirmatu waan ta'eef, garbittittii fi ilma ishee baasi!”
Galaatiyaa 4:30

15) “Qotiyyoo siribsiisuu irra jiru afaan isaa hin hidhin!” in jedha; akkasumas, “Hojjetaan gatii dadhabbii isaa argachuun in ta'aaf” .
1 Ximotewos 5:18

16) “Har'a sagalee isaa yeroo dhageessan, akkuma warra isa irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!”
Ibroota 3:15

17) “Yeroo xinnoo isheetu jira,
inni dhufuuf jiru sunis,
in dhufa malee hin turu; ”
Ibroota 10:37

18) “Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!”
Yaaqoob 2:8

19) “Namni foon uffate hundinuu akka margaa ti, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa margaa ti; margichi in coollaga,
daraaraan isaas in harca'a. ”
1 Phexros 1:24

20) “Namni jireenyatti gammaduu barbaadu,
inni bara gaarii arguu fedhus,
arraba isaa hamaa dubbachuuttii, afaan isaas haxxummaadhaan dubbachuuttii haa ittisu! ”
1 Phexros 3:10

21) “Namni qajeelaan fayyuun rakkinaan erga ta'ee, namni Waaqayyo malee jiraatuu fi namni cubbamaan attam ta'uuf jira ree?”
1 Phexros 4:18

22) “Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna”.
1 Phexros 5:5

@Singer_Megertu_Official


✍️KUTAA_2"FFAA:_ #ISAYYAAS_RAAJICHAA:_36:12
✅“Rabshaaqeen garuu deebisee, "Gooftaan koo dubbii kana gooftaa keessanii fi isin duwwaatti akkan dubbadhuuf waan na erge isinitti fakkaataa? Namoota warra kellaa mandarattii irra taa'an, warra akkuma keessan udaan isaanii nyaachuu fi fincaan isaaniis dhuguuf jiranitti akkan dubbadhuuf na erge mitii?" jedhe.”
— Isa. 36:12
✅ Hiikkaan kutaa kanaa:_waayee doorsisa Mootii Asor karaa angafa loltuu isaa Rabshaaqee jedhamuu,,Mooticha hisqiyaasii fi Saba Israa'elotaatti himamuuf jedhuu kan dubbatu yoo ta'u ,Kunis waan Isayyaas raajichi waaqayyoo mul'ataan argee turedha.
✓Kun Ga'isa Mootiin Asor waaqayyoof Saba waaqayyoo irratti ga'isee fi Doorsisa akkasumaanii akka ta'e waaqayyo yeroo deebisee karaa Isayyaas Raajichaan mootii Hisqiyaasii fi Saba Israa'elotaatti dubbatu argina.
☝️Kanaafitu;udaan isaanii nyaachuu fi fincaan isaaniis dhuguuf jiranitti akkan dubbadhuuf na erge mitii?" jedhe.”.....🤏Kun waayee udaaniif fincaan balfa nama keessaa ba'uu kan dubbatu utuu hin taane;waayee Ergaa doorsisa Mootii Asor karaa angafa loltuu isaa Rabshaaqeen "Saba Israa'elotaattii fi mootii isaanii Hisqiyaasitti ergamee dubbata malee waayee "sabni Israa'el "balfa kana nyaachuuf Jedhanii miti....#kanas kan dubbate; waaqayyo utuu hin taane,mootii Asortu utuu dubbatuu "Isayyaas mul'ata keessatti argee barreesse.🤷

✍️NB:kanaaf Namichi..#Ifaa dhugaa...jedhamu Kun "Amantaa isaa babal'ifachuuf "waayee wanta isaaf hin hubatamnee borcaa Jira....#garuu,itti hin milkaa'u ... sababnisaa nuti ragaa macaafa qulqulluu guutuu waliin deebii isaaf kennina waan ta'eef 🤷💪

✅#KUTAA_3"ffaa_KEESSA_DEEBII_23:13
✓“Mi'a kee wajjin wanta qara qabu kan ittiin lafa haatee keessatti bakkee baatee ittiin biyyoo itti deebisuu dandeessu fudhadhu!”
— Kes. 23:13
✍️waayee KUTAA kanaa baruudhaaf kes 23:9_14"tti dubbisuun murteessadha,kutaan Kun walumaagalatti waayee iddoo buufata loltootaa qulqulleessuu irratti waaqayyo ajaja karaa seera museetiin saba Israa'elotaaf kennuu isaa kan nu barsiisudha malee akka burjaaja'onni musliimotaa falaasama Mataa isaaniin daandii ittiin mudaa macaafa qulqulluu keessa barbaadan miti.👏

✍️NB:_macaafni qulqulluun boqonnaawwan 66"ffaa hundumaa keessayyuu dogoggorri tokkollee hin jiru;caqasaawwan macaafa qulqulluu hundumtuus yoo waliif tumsan(deeggaran) malee bakka tokkottillee kan Wal faallessu hin jiru.🤷
#Waaqayyo yeroo dubbatu;
✓mul'ataan dubbata,
✓Gaaddidduun(fakkiin) dubbata.
✓fakkeenyaan dubbata.
☝️Kun hundumtuu hiika mataasaa danda'e qaba;hafuuraan barreeffamee hafuuruma sanaan ammoo hiikama malee,kan abbaan barbaade akka barbaadeef itti dhufetti hiika itti laatu miti.🙌👏

#Dhaamsa gabaabaa,Hordoftoota Amantaa Islaamummaaf:-Carraaqqiin isin macaafa qulqulluu sakatta'uuf gootan gaariidha tarii ittiin yaadatamuu dandeessu waan ta'eef garuu dogoggora argannee ittiin Amantaa keenya jabeeffanna yoo jettu ta'e garuu ""yaalii milkaa'uu hin dandeenye"" utuu yaaltanii "akka buutii Amma utuun ka'ee jedhee akka harbaa ta'uu hin danda'uu " ?? jettee utuu afuufamtuu "dhumarratti dhootee duute jedhanii taatu

🤝GALATOOMAA


#DEEBII_BURJAAJA'INSA_MUSLIMOONNI_MACAAFA_QULQULLUURRATTI_UUMANIIF


#HIIKA_HISQI'EL_RAAJICHAA_4:12_15
🤝HIIKA M.Q:_Bakka kanatti;sabni Israa'el Kakuu moofaa keessatti Kakuu abboota isaanii Abraham,Yisiyaq fi Yaaqoob Isa Isra'el jedhameef akkuma galee turetti sanyii abboota kanaa Israa'elotaaf Kakuu kana biyya abdachiise sanatti galchudhaan Kakuu isaa raawwateefii ture.....#Garuu, waaqayyo Saba kana dura wanta gurguddaa 2 kaa'ee ture:_
✅1"ffaa:_yoo abboomaman eebba Isaan dura kaa'ee ture:_Kes 28:1_14

✅2"ffaa:_yoo abboomamuudhaa baatan ammoo abaarsa isaan dura kaa'ee ture.:_kes 28:15_668

👉“Ilaa! Ani har'a eebbaa fi abaarsa si dura nan kaa'a.”
— Kes. 11:26
#Kanaafitu;hiikkaan kutaa hisqi'el raajichaa 4:12_15 tti jiru; abboomamuu diduu Saba Isra'el irraa kan ka'e abaarsa isaanitti dhufee fi boojuu Baabiloonitti dabarfamanii kennamuu isaaniif gatii Isaan baasuuf jedhanitu "waaqayyo mul'ataan " hisqi'elitti " agrsiise ta'uu isaa qo'annoo macaafa qulqulluu keenya keessatti ragaa hedduun mirkaneessuu dandeenya.

✅KUTAA_1"FAA:_ Hisqi'el 4:
#lakkoofsi 12"ffaa:_Ati maxinoo garbuu ija namaa duratti dikee bobbaa namaa bobeessii ittiin tolfadhuutii nyaadhu! Jechuun Hisqi'el guyyoota 390'f cinaacha bitaan ciisee;waayee cubbuu Israa'elotaaf gatii inni kadhata gara waaqayyotti dhiyeessuun baasaa turee fi ormoota gidduutti gatii inni baasuuf jedhu waaqayyo yeroo itti ibsu nu hubachiisa.
✓Maxinoon garbuu Jireenya;biyya kana'aan keessaa Jireenya eebbaati,,
✓bobbaan namaa ammoo Jireenya biyya Ormaa keessaa Isa xura'aaf fuula waaqayyootti gaarii hin taanedha.
✅Kanaafuu, lakkoofsi 12"ffaa :waayee Jireenya Hisqi'el Isa biyya Ormaa keessatti waayee Saba Israa'elotaaf gatii baasuuf jedhuu dubbata malee;waayee bobbaa namaaf waayee balfaa qaama namaa keessaa gadi ba'uu Isa mul'atuu miti kutaan Kun kan hasa'u,mul'atadha malee mul'ataa miti.

✓lakkoofsi 13:_Waaqayyos, "Namoonni Israa'el saba lafa irraa keessatti iddoo ani isaan bittimsetti buddeena isaanii isa akka seera Museetti hin qullaa'in akkuma kanatti in nyaatu" jedhe.
☝️ Hiikkaan kutaa kanaa ammoo;sabni Israa'el yeroo biyya Kakuu(kana'aan) keessa turan nyaanniif dhugaatiin isaanii seeraan kan qulqullaa'e ture,xuxxuqqaa ormootaaf nyaataaf dhugaatii ormaataas hin qaban; bakka kanatti garuu biyya ormaatti(Baabiloonitti) yeroo mootii Baabilooniin geeffaman aarsaa Isaan baasuuf jedhan;ormoota gidduutti gatii Isaan baasuuf jedhan ibsuu barbaadeetu.

✓lakkoofsi 14:_Ani kana irratti, "Yaa Waaqayyo gooftaa! Ani matumaa of xureessee hin beeku; ani mucummaa kootii jalqabee hamma ammaatti ofiin-du'ii yookiis wanta bineensi caakkaa qabee ajjeese matumaa nyaadhee hin beeku, foon ciiggaasisaanis afaan koo lixee hin beeku" nan jedhe.
👉Asitti ammoo Hisqi'el utuu mul'ata keessatti waaqayyo waliin falmuu argina; Hisqi'el qomoo Israa'el waan ta'eef" Ani wan xura'aa hin nyaadhu "seera cabsuu hin barbaadu jedhee yeroo waaqayyoof deebisu argina:_kana jechuun Jireenya ormootaa sana jiraachuu hin fedhu;Ani Israa'elidha,isaanimmoo ormoota waan ta'anif "Ani Jireenya warra Baabiloonotaa" hin fudhadhu jechuu isaati.

✓lakkoofsi 15 ffaaf inni dhumaa:_ Inni immoo anaan, "Ilaa qooda dikee bobbaa namaa, dikee sa'aatiin maxinoo akka ati maxinattu nan godha" jedhe.
👉Dikee bobbaa namaa jechuun Jireenya ormootaa Isa xuraa'aa jechuudha.
👉Dikee saawwaa :jechuun ammoo Jireenya qullaa'aa jechuudha sababnisaa sa'i(saawwi) horii qullaa'oo ykn beellada manaa jalatti waan ramadmtuufi.
#kanaafitu;bakka kanatti wanti waaqayyo Hisqi'elitti dubbachaa jiru;jireenyikee akka Jireenya ormootaa ykn Baabiloonotaan hin xuroofneef sin eega,wanta gaariin sin kunuunsa;xuxxuqqaa isaaniirraas sin eega jechuu isaati.
✅ Walumaagalatti Kutaan Hisqi'el 4:12_15 waayee Jireenya Hisqi'el fi Saba Israa'elotaa biyya boojuu keessatti ta'uuf jedhuu kan dubbatudha malee waayee Dikee bobbaa namaaf horii miti.🤷


💬2Phe. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.
¹⁴ Kanaafis michoota ko; isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama'aa!
¹⁵ Gooftaan obsaan isiniif danda'uu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa'adhaa! Obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen waa'ee isaatiif isiniif caafeera.
¹⁶ Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo caafu akkuma kana in dubbata, Ergaa isaa keessa illee wanti hubachuun isaa nama dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri waanuma argan qabanii gad dhiisan, akkuma caaffata qulqullaa'aa isa kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa in micciiru.
¹⁷ Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa!


✅“Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa! Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru, Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera, hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera;”
— Isa. 34:16

✅“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a,”
— Ibr. 4:12

Itti fufa..........

Galatoma.


DEEBII_BURJAAJA'INSA_MUSLIMOONNI_MACAAFA_QULQULLUURRATTI_UUMANIIF

#Hundumaa dura waan Namichi..#Ifaa_dhugaa jedhamu hordofaa amantii islaamaa ta'e "macaafa qulqulluu irratti hiika jallaaf dabaa kennuun maxxanse "waliin haa ilaallu......#Achii booda animmoo deebii quubsaa "Kutaa Sanaa "ragaa quubsaa waliin" isiniifan Kenna.👇

#HIIKA_JALLAAF FAALLAA_MUSLIIMOTA_YAADA_JALLAA:_💁
👉“Macaafni Qulqulluun sagaraa namarraa bahu nyaachuu akka ajaju quba qabduu laata?”

Yeroo macaafa qulqulluu jedhamu kana dubbistu hunda jechootaa fi barsiisa fudhatama hin qabne hedduu keessatti argita. Har'a osoo macaafa qulqulluu garanaa garanatti gara-galchu kutaalee waaqayyoon sagaraa (qoshaashaa namarraa bahu) nyaadhaa jedhee ajaju arge.

Macaaficha Qulqulluu dha jedhamee amanamu, isa kana birattuu gaggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame jedhamee lallabamu kana keessatti wantoota akkanaa arguun immoo himannaaleen qulqullummaa macaafaa fi gaggeessaa hafuuraatiin barreeffame jedhu hunduu soba ta'uu isaa mirkaneessaa.

Mee yaadaa! Macaafni Qulqulluun, gaggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kuni, yemmuu raammoo lafarra deeman hunda nyaadhaa, sagaraa namarraa bahus nyaadhaa, fincaan namaas dhugaa, ...... jedhee barsiisu, sammuu fayyaa qabdu kamtu namaa fudhataa...?

Macaafa (Hisqi'el 4:12-15) irraa koottaa haa dubbifnuu... { Ati maxinoo garbuu ija namaa duratti dikee 𝗯𝗼𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮 bobeessii ittiin tolfadhuutii 𝗻𝘆𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂! Waaqayyos, “Namoonni Israa'el saba lafa irraa keessatti iddoo ani isaan bittimsetti buddeena isaanii isa akka seera Museetti hin qullaa'in akkuma kanatti in nyaatu” jedhe. Ani kana irratti, “Yaa Waaqayyo gooftaa! Ani matumaa of xureessee hin beeku; ani mucummaa kootii jalqabee hamma ammaatti ofiin-du'ii yookiis wanta bineensi caakkaa qabee ajjeese matumaa nyaadhee hin beeku, foon ciiggaasisaanis afaan koo lixee hin beeku” nan jedhe. Inni immoo anaan, “Ilaa qooda 𝗱𝗶𝗸𝗲𝗲 𝗯𝗼𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮, 𝗱𝗶𝗸𝗲𝗲 𝘀𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻 maxinoo akka ati maxinattu nan godha” jedhe.} [ Hisqi'el 4:12-15 ]

~ RABBIIN (waaqayyoon) Kitaaba isaa qulqulluu kana keessatti jechoota xur'aa akkanaa ni barreessaa laata?

Yaa obboleewwan koo kan Kiristaanotaa! Mee kottaa ammas Macaafa (Isaayaas 36:12) wajji dubbisnaa...

{Rabshaaqeen garuu deebisee, “Gooftaan koo dubbii kana gooftaa keessanii fi isin duwwaatti akkan dubbadhuuf waan na erge isinitti fakkaataa? Namoota warra kellaa mandarattii irra taa'an, warra akkuma keessan 𝘂𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗻𝘆𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 fi 𝗳𝗶𝗻𝗰𝗮𝗮𝗻 isaaniis 𝗱𝗵𝘂𝗴𝘂𝘂𝗳 jiranitti akkan dubbadhuuf na erge mitii?” jedhe.} [Isaayaas 36:12 ]

~ Jecha 𝗨𝗱... jedhu kana argitanii yaa Kiristaanota?

Keeyyata (Keessa Deebii 23:13) kanas ittuma fufii dubbisi...{Mi'a kee wajjin wanta qara qabu kan ittiin lafa haatee keessatti 𝗯𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲 𝗯𝗮𝗮𝘁𝗲𝗲 ittiin biyyoo itti deebisuu dandeessu fudhadhu! }.

Cuunfaa dubbii macaafichi qulqulluu jedhamu kuni dubbii Waaqayyoo ta'uun isaa haa hafuu, dubbii nama gaarii tiin barraahe jedhanii amanuun ni ulfaata.

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻:
© Ifaa Dhugaa

#DEEBII_MACAAFA_QULQULLUU_FI_HIIKA_SIRRII_ISAA:
✅1"FFAA:_RAAJII_HISQI'EEL:4:12_15_
✅2"FFAA:_ISAAYYAAS_RAAJICHAA_36:12
✅3"FFAA:_KEESSA DEEBII_23:13

#Hub:_jalqabarratti, macaafni qulqulluun namoota addunyaa dukkanaa keessa jiraniin hin hiikamu, sababnisaa macaafni qulqulluun akka Quraanaatti beekumsaaf falaasama namaan kan barreeffame utuu hin taane; gaggeessa Hafuura qulqulluun kan barreeffameedha; #macaafni qulqulluun hargansuu waaqayyooti,...#macaafni qulqulluun waayee yesusidha....#waayee Jireenya barabaraati.

#kanaafitu, macaafa qulqulluu hafuura waaqayyoo Isa namoota waaqayyoorra bulee akka barreeffamu godhetu;hiika isaa namaaf hiika malee;abbaanumti arge "Islaamummaa falaasama Muhammadiin " hundeeffame akka barbaadetti waliin laaquu waan amaleeffateef "macaafa qulqulluu fi kristaanummaa" garuu hiika dhabeessa gochuu hin danda'u ...#Yoo hiika maleessa godhes "ofiima isaatii burjaaja'ee "fakkaattota " isaas burjaajessa malee " dhiibbaa uumu hin qabu🤷




Hafuura qulqulluu kutaa 2ffaa HOJII HAFUURA QULQULLUU
a) Seenaa uumamaa keessatti namni lubbuu godhatee
kan dhaabbate Hafuura Qulqulluudhaani. Um 2:7
b) Dhalachuu Yesus kiristoos keessatti ga’ee guddaa qaba
ture. Luq 1:35
c) Tajaajila Yesus Keessatti Mar 1:10
d) Hojii fi tajaajila ergamootaa keessatti HoE 2:1-13
e) Barreeffama Macaafa Qulqulluu keessatti 2Xim 3:16-17
f) Kennaa Hafuuraa kennuu keessatti 1Qor 12:11
g) Dhugaa Yesusiin barsiisa Yoh 16:8-15
h) Warra isaaf qulqullaa’aniif ni kadhata Rom 8:26-27
i) Jireenya amanaa keessatti goftummaa Yesus kiristoos
dhugaa ba’uu. Hariiroo Abbaa fi hafuura qulqulluu gidduu jiru
 Hafuurri Qulqulluun hafuura waaqayyooti. Uma 1:2;
Mat 3:16.
 Hafuurri Qulqulluun hafuura gooftaati. Luq 4:18.
 Hafuurri Qulqulluun Hafuura Yaahiwweeti. Abo 3:10.
 Hafuurri Qulqulluun hafuura waaqayyo gooftaati. Isa
61:1.
 Hafuurri Qulqulluun hafuura waaqayyoo jiraataati. 2
Qor 3:3. Hariiroo Yesuusii fi Hafuura Qulqulluu gidduu jiru
Hafuurri Qulqulluun hafuura Kiristoosi. Rom 8:9.
Hafuurri Qulqulluun hafuura Yesuus Kiristoosi. Filp
1:19.
Hafuurri Qulqulluun hafuura Yesuusi. HoE 16:7.
Hafuurri Qulqulluun hafuura ilma isaa(waaqayyoo)ti.
Gal 4:6.
Hafuurri Qulqulluun hafuura gooftaati. HoE 5:9;
8:39 @Singer_Megertu_Official ✍️@alacrity_4


KUNIS_BU'AA_ABAARSA_ADDAAMIIN_DHUFE_ISA_KAN_BIRAATI


✅Fayyinni Gadaamii hin jiru
✅Beenyaan biyya lafaa yesus malee hin jiru.
✅Fayyina barbaacha tulluutti hin rarra'iin
✅Carraaqiin keen fayyuuf matumaa hin dhama'iin.
✅ Yesusitti amani Jireenya argatta
✅Hafuura keef,lubbuukeef foonkeefis qoricha isumarraa argatta
✅Maqaa yesus malee fayyisaa biraa hin argattu.
✅ Isatti amantu malee boqonnaa hin argattu

☝️1"ffaa:_“Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.”
— HoE. 4:12
☝️2"ffaa:_Rom. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁹ Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.
¹⁰ Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.
¹¹ Caaffanni qulqullaa'aan, "Namni isatti amanu hundinuu hin yeella'u" in jedha.

☝️3"ffaa:_“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.”
— Yoh. 3:36

☝️4"ffaa:_1Yoh. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹² Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.
¹³ Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.
²⁰ Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana.

👉Fayyuuf malkaa hin bu'iin
👉Qoricha barbaacha tulluu hin ba'iin
👉Gadaamii irra hin jooriin
👉Xabala jettee summii biyya lafaa hin dhugiin
#yesusitti amani barabaraan jiraatta.
#yesusitti amani hafuuraaf fooniin fayyita.

Ameen


Karaalee Hafuurri Qulqulluun Si Gargaaru
Haala kee dhiistee Hafuura Qulqulluutti harka yoo kennitee si gargaaru dhufeera hafuurii goofticha 🔥🔥🔥🕊️

1. Inni Si Qulqulleessa (2Tas 2:13).

2. Ilaalcha Kiristoos Fakkaatu Keessa kee Uuma (Gal 5:22-23).

3. Nama Keessa Kee Jabeessa (Efe 3:16).

4. Kallattii Sirriitti Si Geessa (Rom 8:14).

5. Inni Dubbicha Si Barsiisa (Yoh 16:13).

6. Inni Fuuldura Kee Muleessa (Hojii Ergamootaa 20:23).

7. Waaqeffannaa Keessatti Si Gargaarsa (Filp 3:3).

8. Inni Si Jajjabeessa (HoE 9:31).

9. Inni Si Aangessuu Barbaada (HoE 1:8).

10. Si Waliin Walta'iinsa Ijaaruu Barbaada (2Qor 13:10

Eebbifamtanituu
Singer Megertu official Group


Hafuura Qulqulluu
Kutaa 1ffaa
Hafuurri qulqulluun uumaa dha. Iyoob 33:4.
Hafuurri qulqulluun waaqa dha. HoE 5:3-4.
Waaqummaa Hafuura Qulqulluu

a) Hundaa beeka 1Qor 2:10-12
b) Hundaa danda’a Iyo 33:4
c) Bakka hundaatti argama Far 139:7-10
d) Bara baraan jiraata Ibr 9:14
Hafuurri qulqulluun hafuura waaqayyooti. Mat 3:16- 17
Yesuus waa’ee hafuura qulqulluu maal jedhe?
Inni waa’ee koo dubbata jedhe. Yoh 15:26.
Hafuura Qulqulluu isiniifan erga. Yoh 16:7.
Inni ulfina naaf kenna jedhe. Yoh 16:14.
Inni waa’ee ofii isaatii hin dubbatu. Yoh 16:13
@Singer_Megertu_Official ✍️@alacrity_4


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.
OSZAR »