Bineensota summii cimaa yookiin hadhaa (poisoning) qabaniin nama galaafatanii fi gargaarsa duraa godhamanBineensonni umamaan rabbi yoo isaan uumu waan ittiin diina isaanii ofirraa faccisan, kaaniif gaafa ittiin waraanan, kaaniif dandeettii fiigicha saffisaa ittiin baqatanii ba’an, kanneen biroof ammo humna ittiin diina isaanii caccabsan kennee uume. Akkasuma bineensota tokko tokkoof ammoo summii diina isaaniitti naqanii ittiin galaafatan kennee uume. Dhala namaaf ammoo gaanfa ittiin waraananis ta’e summii, humna cimaas kennuu fi baatu rabbi sammuu ittiin bineensota biroo irra aanan kennee jiraachisa. Har’aaf kan fayyaa waliin baay’ee walqabatan bineensota summii isaaniitiin dhala namaa dabalatee bineensota biroo galaafatan, yoo kan galaafachuu baatan ammoo hedduu dhukkubsachiisan keessaa kan biyya keenyatti baay’inaan argaman bofaa fi ciniinnaa ilbiisotaa haa ilaallu.
1. Ciniinnaa Bofaa Bofti akkuma namni hundi beeku summii ishiidhaan nama galaafachuu dhaan beekamti. Haa ta’u malee bofti gosti marti summii qaba jechuun miti. Gosootni bofaa hedduun isaanii summii hin qaban. Kanneen qaban ammoo jabinni yookiin summii isaanii gosaa gosatti garaagarummaa cimaa qaba. Gosti bofaa addunyaa kanarraa dhala namaa hedduu ajjeesuudhaan beekamu gosa Koobraa “cobra” jedhamu yoo ta’u baay’inaan kan argamu naannoo gammoojjiittidha. Gosti bofaa koobraa kun lubbuu namaa baay’inaan kan dabarsu summiin isaa gosa bofaa kan biraa (warren summii qaban) waan caaluuf osoo hin taane amala nama loluu waan qabuuf. Keessumaa biyya hindii (India) keessatti wagga waggaatti lubbuu namoota hedduu galaafata. Walumaa galatti waggaatti sababa bofaa qofaan namoonni kuma sadeettamaa ol ta’an lubbuu isaanii dhabu.
Mallattoo Mallattoon erga bofti nama ciniintee booda namarratti mul’atu namaa namaatti garaagarummaa guddaa qabaachuu malus walumaa galatti garuu namni tokko yoo bofaan ciniiname mallattoolee armaan gadii kana argisiisuu mala:
■ Bakka bofti ciniiname sanatti madaan xiqqoon (puncture wound) argamuu.
■ Bakki ciniiname sun diimachuu, dhiita’uu, qunca’uu ykn luqqa’uu, dhiiguu
■ Dhukkubbii cimaan akkasumattis yoo Harkaan qabanis bakka sanatti namatti dhaga’amuu
■ Olguurraa yookiin haqqee fi teessisaa
■ Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu
■ Onneen ofii garmalee akka nama fiigaa jiruutti dha’achuu
■ Ijji ofii seeraan laaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaa’uu
■ Afaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka shaaraa ykn sibiilaa namatti dhaga’amuu
■ Garmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangala’uu
■ Qaamni ofii adooduu yookiin miirri itti dhaga’amuu dhiisuu.
Haga mana yaalaa geenyutti nama bofti ciniineef gargaarsa duraa maal gochuu qabnaa?
Nama bofti ciniinte tokko jalqaba sammuu keenyatti kan dhufu qabu mana yaalaa akka geessuu qabnu yaaduudha. Gara manaa yaalaa yoo deemu namni bofni ciniinte kun mallattoo irratti hundaa’uudhaan yoo kan gosti bofaa beekamtu ta’e ammoo gosa bofaa irratti hundaa’uudhaan (kan summii qabuu fi hin qabne) qorichi antivenom (farra summii) jedhamu ni kennamaaf. Namni yoo mana yaalaa deemuu ofiin of gargaaree deemuun hin filatamu. Namni biraa gargaaree yoo kan konkolaataan jiru ta’e konkolaataan yokaan waan biraan gara mana yaalaa geessisuu qaba. Haa ta’uu hahga mana yaalaa geessisnutti ammoo akkasumaan geessu irra waantoonni nuti gochuu qabnuu fi gochuu hin qabne maal maal fa’i kan jedhu ha ilaallu.
• Yoo bofti ciniinte sun bakka san jirti ta’e yokaan ajjeefamteetti ta’e, suuraa ishee qabaachuun (kaafachuun0 gosti bofa sanaa kam akka ta’e adda baasuudhaan yaalamuuf hedduu gargaara.
• Namni bofti ciniine tasgabbaa’uu qaba. Kunis yoo kan baay’ee dhiphate ta’e dhiigni daddafee waan onnee isaa/ishii keessa deddeebi’uuf, summii bofaa sana bakka jalqabaa fuudhee qaama keessa waliin ga’a waan ta’eef dha.
• Namni ciniiname sun haala (position) isa/ishee boqochiisuun ciisuun barbaachisaadha.
• Waan akka sibiilaa fi meeshaalee miidhaginaa akka qubeelaa harkaa, ambaarii harkaa yookiin Faaya morma irraa fi kan kana fakkaatan qaama nama ciniinamee irraa baafamuu qabu.
...
@Dhimma_Fayyaa 🩺